Weellisaa beekamaan Ameerikaa Toonii Beeneet Umrii Isaa 96tti du’aan addunyaa kanarraa godaaneera. Torban lama dura guyyyaa dhaloota isaa kan kabajate Weellisaa beekamaan kun magaalaa Niyuuworki mana isaatti du’eera . Du’a isaaf akka sababaatti waanti taa’e jiraachuu baatus bara 2016 irraa kaasee dhukkuba Alzaayimersi jedhamuun qabamee dhukkubsachaa tureera. Toonii Beeneet Seenaa Muuziqaa Ameerikaa keessatti Sadarkaa haaraa uumuun beekama. Walliistoota bebbeekamoo kanneen akka Firaank Sanaatiraa fi Leedii gaagafaatiin kan faarsamedha.
Weellisaan Ameerikaa Beekamaan Toonii Beeneet Umurii Isaa Waggaa 96’tti Du’aan Boqote
- VOA

Forum