Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ho’i Pilaaneetii Addunyaarraa Akkuma Dabalaa Deemeen Hormaanni Bookee Buusaa Dabalaa Dhufuun Himame


Faayilii -Bookee Busaa
Faayilii -Bookee Busaa

Ededuma Ho’i Pilaaneetii Addunyaarraa dabalaa deemeen bookeen gara lafa ol ka’aatti baqachaa deemti jedhan qorattoonni. Qorattoonni Yuunivarsiitii Otawaa ragaa arganne jedhaniin gaarreen baddaa Ameerikaa kibbaa fi lafa ol ka’aa Afirikaa bahaatti bookeen baattoo dhukkuba busaa baay’achaa deemuun yaaddoodha jedhan. Akka Saayintistoonni qorannoo kana gaggeessan jedhanitti namoonni naannoo gaara kiliimanjaaroo fi garreen baha Itiyoophiyaa keessa jiran jiraatan dhukkuba busaa amma akka haaraatti ka’aa jiru kanaaf saaxilamu jedhaniiru.

Piroofeessarri Yuunivarsiitii Otowaa fi qorattuun dhimma dhukkuba busaa Uffee sahaaraa gadii Manishaa Kulkarnii akka ibsanitti jijjiirama qilleensaa amma jiruun akkuma lafti ho’aa deemeen hoomaan bookee busaa gara lafa ol ka’aatti baqachaa deema. Sababiin isaas lafoonni akkasii isa jiraachisu waan ta’eefii jedhan.

Piroofeessarri kun qorannoo bara 2016 maxxansiteen lafa ol ka’aa naannoo gaara Kiliimanjaarootti wal hormaanni bookee baattoo dhukkuba busaa waggoota kudhan keesstti Kiloomeetir Iskiweerii dhibbootaan kan lakka’amu babal’achuu isaas ifoomtee ture. Faallaa kanaammoo lafti teessumaan gadi aanaa ta’animmoo hoo’insa isaaniirraa kan ka’e wal hormaata bookee kanaaf mijataa akka hin taaneedha.

Akka Addunyaatti biyyoonni maloota garaa garaa fayyadamaniin sadarkaan Ajjeesuu dhukkuba busaa kan bara 2002 irraa hanga 2021 jiruu dhibbeentaa 29 hir’iseera. Haa ta’u malee ammayyuu biyyoota Afrikaa keessatti daa’immaan waggaa Shanii gadii dhukkuboota ajjeesan keessaa dhibbeentaa 80 irra jira. Bara 2021tti namoonnii miiliyoona 247 akka addunyaatti dhukkuba busaan qabamuu kan ifoomse dhaabbanni fayyaa Addunyaa Naayijeeriyaa, Rippaabulika Dimookiraatawaa Koongoo, Yuugaandaa fi Moozaanbikiin warra dhukkuba kanaan hedduu miidhamanidha. Akkuma jijjiiramni qilleensaa dabalaa deemeen tattamsa’inni dhukkuba busaa ammayyuu dhukkuba yaaddeessaa ta’uu qorattoonni kunneen ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG