Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Gumii Isaa Bara 2024 Irratti Yaadaa Haaraa Gara Nagaatti Jedhu Qabatee Akka Dhihaachuuf Jiru Beeksise


Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guteres
Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Guteres

Hoogganaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez Kamisa darbe kana ergaa uummta Addunyaaf dabarsaniin yeroon Waraana Ololaa isa “cold war ” Jedhamuun beekamuu xumurameera. Amma immoo Addunyaan gara dhiphinaa fi biyyoonni guddanne jedhan kan wal dorgoman haala teessuma lafaatiin kan dhufe waggootan kurnan darban keessatti gara daandii biraattis cee’eera jedhan. Kaayyoo fi Akeeka Dhaabbata Mootummoota Gamtomaanii isa biyyoonni hundi waliin hojjechuun dhibee addunyaa waliin furuu jedhu daandii isaarraa maqaa jira jechuun gochaa wal qoodinsaa biyyoota gidduutti taasifamu Balaaleffataniiru Guutereez.

Addunyaan qormaata hedduu , wal dhibdee wal xaxaa fi lubbuu namaa galaafatu , dhimmi meeshaa waraanaa Niwuukileerii yaaddoo ta’ee deebi’ee mulchaa jiraachuu , biyyoota keessattii fi biyyoota gidduutti wal qixxummaan dhabamuu, Shororkeessummaa bal’aa , Jijjirama haala qilleensaa, Mirgi namoomaa akka addunyaatti balaa jala jirachuu fi dhaabbilee mootummaarraa amantaan dhabamaa deemuun akkasumas mirga dubartootaa irratti dhiibbaan mirgaa hamaan jiraachuun yaaddoo amma Addunyaan kun keessa jirtus jedhan Guutereez ibsa isaanii keessati.

Hoogganaa Ol aanaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guutereez akka jedhanitti Onkoloolessaa bara 2022 weerrarri Raashiyaan Yuukireen irratti taasifte qormaata biyyoota Addunyaa isa guddaa akka ta’ee fi qormaata kana furuufis hedduu rakkisaa ta’eera jedhanii gochichas qeeqaniiru. Biyyi kamiyyuu dirqama dhaabbata mootummoota Gamtoomanii isa walabummaa fi abbaa biyyummaa uummataa ni kabaja jedhu hojiirra oolche gara nagaa Addunyaan barbaadduutti nu geessa jedhan. Antooniyoo Guutereezdippiloomaatoota biyyoota dhaabbata mootummoota gamtoomaniif miseensota ta’an 193 f waraqaa yaada haaraa nageenyaaf jedhu yeroo dhiyyeessanitti dubbii kana kan dubbatan. Waraqaa dhiyyeessan kanaanis kun yaadaa haaraa dhibee akka addunyaatti yeroo ammaa sodaa guddaa ta’eeruuf dhaabbanni mootummoota gamtoomanii furmaata kan jedhudhas jedhan.

Rakkoo amma biyyoonni akka Addunyaatti keessa seennee jirruufis erga rakkicha keessatti liqimfamnee osoo hin taane yeroon tarkanfii fudhachuu qabnu amma jechuun cimsanii dubbataniiru Antooniyoo Guutereez.

Waraqaa amma mata duree ajandaa haraa Nagaa jedhu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dhiyyeesse kanarratti biyyoonni hundi yaa’ii dhaabbatichaa ji’a Fulbaanaa bara 2024 taa’amuun dura biyyoonni hunduu akka ilaalaniif dhaamaniiru Hoogganaan olaanaan dhaabbatichaa.

Erga Guutereez waraqaa yaada haaraa fi furmaata haaraa jedhame kana dhiyyeesaniin booda biyyonni hedduun sagalee irratti kennaniiru. Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa gamanumaan ajandaa kana deeggaraniiru. Biyyi Masirii garuu yaad-rimeen waraqicharratti dhiyaate baay’een isaa hawwii guddachuudha jettee dhimma keessoo Raashiyaa keessas seenuun hin barbaachisu jetteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG