Pireezidaantiin Yuukireen Voloodiyimiir Zeleeneskii biyyi isaanii walii galtee isa karaa galaana Gurraachaan miidhaan nyaataa dhiyyeessuu jedhuun Itiyoophiyaaf midhaan nyaataa toonii kuma 300 akkasumas kaka’umsa haaraa qamadii Yuukireen irraa jedhuun Toonii Kuma 90 Itiyoophiyaaf erguu isaanii ifoomsanii , Kamisa kaleessaa Muummee Ministiraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad waliin bilbilaan waliin dubbachuu isaaniis ifoomsaniiru. Marii bilbilaan taasisan kana keessattis Raashiyaan walii galtee isa karaa galaana gurraachaa midhaan nyaataa addunyaaf dhiyyeessuu jedhu keessaa baa’uun dooniiwwan midhaan fe’aniiran ugguruu, buufata doonii fi maddaa aannisaalee Yuukireen rukkutuu ishee Abiyyi Ahimadiif ibseera jechuun fuula tIwuutarii isaanii irratti barreessaniiru. Biyyi keenya Yuukireen wabii midhaan nyaataa Addunyaaf ta’uuf waada galte akka iitti fuftus kutannoo qabnu ibseeraaf jedhan pireezidaantiin Yuukireen Zeleneskiin.
Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimadis Pireezidaantii Yuukireen waliin bilbilaan dubbachuu isaanii mirkaneessanii , dhimmoota biyyoota lamaanii, faayidaa akka idil-addunyaatti waliin qaban irrattii fi rakkoo Yuukireenii fi Raashiyaa gidduu jiru karaa nagaan hiikuuf maloota jiran irratti marii’anneerra jechuun toora miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniiru.
Forum