Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiinoora Wolloo lamaan jechuunsa magaalota Woldiyaa fi Mekane Selaam keessatti Dilbata kaleessaa jechuunis Adooleessa 23, bara 2023 humnoota nageenyaa fi gareewwan seeraan ala hidhatan gidduutti walitti bu’iinsa uumameen, yoo xiqqaate namoonni sadii du’uu namoota ijaan argan RSAtti himan.
Doktarri Hospitaala Woldiyaa kan godiina Wolloo Kaabaa , maqaan isaa akka hin dhahamne gaafatan akka jedhanti, Sambata dabree irraa eegalee namoonni nagaa fi miseensonni humnootii nageenya hospitaala galanii jiru.
Gama biraatiin Godiina Wolloo Kibbaa magaalaa Mekaneselaam keessatti namni tokko ajjeefamuu maddeen hospitaala ibsaniiru.
Mootummaan, gareewwan seeraan ala hidhatan hiikkachisuuf akkasumas, miseensota humnoota addaa naannoo sanss caasaa nageenyaa adda addaa kan biyyattii keessatti makuuf murteessuu isaa hordofuun haalli nageenyaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessaa hammaatee jira jechuun, Masfiin Arraagee Gabaasee Jira.
ma/jg/dw
Forum