Xiyyaarri siiviilootaa Dilbata kaleessaa Sudaan bahaa keessatti kufee loltoota afur dabalatee lubbuun namoota sagal galaafachuu waraannii beeksisee jira. Balaa xiyyaara Antonov mudateen daa'imni tokko lubbuun hafuu humni waraanaa beeksisee jira.
Balaan kun kan mudate, yeroo Sudaan, humnoota deggersa saffisaa gidduutti waldhabdeen jalqabamee guyyoota 100 guutamteetti. Lolli kunis lammiileen Sudaan miliyoonaan lakkaa'aman akka baqatan dirqisiiseera.
“Sudaan keessatti waraanni guyyoota 100 ta’eera, lubbuu namaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaa hamaa geessiseera, garuu kana caalaa hammaatuuf jira,” jechuun Sudaanti daayreektarri kaawunsilii Baqattoota Noorweey, Wiliyaam Kaartar dhaabata oduu Asoosheetid Preesitti himaniiru.
“Naannicha guutuu balleessuuf carraa qaba,” kan jedhan immoo Sudaanti,daayreektarri dhaabbata gargaarsa sadarkaa-addunyaa keer jedhamuu, Deeviid Maakdoonald.
voa/jg/dw
Forum