Riipaabliikii Deemookraatawaa Koongoo gama bahaa kutaa Iturii keessatti, milishaan hidhatan, yoo xiqqaate namoota nagaa 46, walakkaan isaanii daa’imman kan ta’an , ajjeesuu fi kaampii buqqaatonni yeroof keessa daahatan Waxabajjii 12 bara 2023 guubuu isaanii gareen mirga namoomaaf falmu Hiyumaan Raytis Waach har’a gabaasee jira.
Milishonni Waldaan Hojii Gamtaa Misooma Koongookan baay’inaan saba Lendu irraa ta’an, waggoota lamaan darban keessa irra deddeebiin mooraa buqqaatota Ituri keessaa haleela turan.
Milishaan kun kaampii Laala jedhamu kan irra caalaan namoota Heemaa kanneen qe'ee isaa irraa buqqa'an keessummeessaa ture halkan yeroo harka caalaan isaanii rafaa jiran haleelan. hidhattonni kun namoota rasaasaan rukutanii, kaan qaama isaanii kukkutanii ajjeesan, ni guuban.
Isaan kunis daa’imman 23, dubartoota 13, fi dhiirota 10 yoo ta’an, namoota ka biro 8 madeessan. Loltoonni Koongoo fi nagaa eegsitoonni Tokkummaa Mootummoota magaalaa naannoo sana jirtu Bulee keessatti bobbaafamanii kan jiran ta’uus, gidduu seenuu hin dandeenye.
Kutaan Hojii Nagaa Eegumsa Tokkummaa Mootummoota gaaffii garee Hiyumaan Raaytis Waacha biraa dhiyaateef deebii gama iimeelii kenneen deebii haleellaa kanaaf kenname irratti qorannoo keessoo gaggeessaa akka jiru ibseera.
Namoonni nagaa Ituri keessa jiran, bakki nageenyi jiru hin jiru jedhanii amananitti, mootummaan Koongoo fi nagaa eegdonni Tokkummaa Mootummootaa ajjeechaa kana dhaabuuf kana caalaa gochuu qaba jedhu.
Garuu furmaanni yeroo dheeraa dhaabbilee mootummaa fi deeggarsa addunyaan dararaa dhaqqabe irratti qorannaa cimsuu fi namoota itti gaafatamoo ta’an seeratti dhiyeessu barbaachisa akka ta’e ibsamee Jira.
Voa/jg/dw
Forum