Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Jaarmayaalee Siivikii Itiyoophiyaa Ajjeechaa Dhiheenya Hojjetoota Gargaarsaa Irratti Raaw'atame Balaaleffatee Jira 


FAAYILII- Miseensota milishaa naannoo Afaar qarqara magaala Samaraatti, Waxabajjii 08, 2022.
FAAYILII- Miseensota milishaa naannoo Afaar qarqara magaala Samaraatti, Waxabajjii 08, 2022.

Ajjeechaa hojjatootaa dhaabbilee gargaarsaa Sadii irratti torban darbee naannoo Affaari fi naannoo Amaaraa keessatti raawwate akka balaaleffatu manni maree dhaabbilee hawaasaa Siivikii Itiyoophiyaa ibsee jira.

namoottan Ajjeefaman keessaa tokko hojjata dhaabata miti-mootummaa “dhaabata gargaarsaa idilee Aduunyaa Samaraatans Pers” jedhamuu yoo ta’u ,kan ajjeefamees Sambata dheengadda Adoolesa 22 bara 2023 yemmuu godina Walloo kaabaa magaalaa Waldiyaa keessatti walti bi’insii gareewwan mootumaatiif hidhattootaa giduutti taasifame akka ta’e ibsii mana maree dhaabbilee gargaarsaa kun eerera.

Hojjattonni gargaarsaa lama naannoo Affaar keessatti ajjeefaman immoo dhabbatta miti-mootummaa “Keer Itiyoophiyaa” jedhamuuf kan hojatan akka ta’an ibsameera.

Ibsi mana marichaa irraa guyyaa har’aa bahe kun gochichaa halla cimaadhaan balaaleffachuu isaa beeksisee jira.

Daarekteerri mana marichaa Obbo Heenook Mellesee maqaan namoottan ajjeefamanii karaa dhaabbilee isaaniitin akka ibsamuu qabu himanii , gareewwan walti bu’insaa keessatti hirmaachaa jiran, hojjatootaa fi dhaabilee gargarsaaf eggumsaa akka taasisuu qaban waamichaa dhiheesaniiru.

Yeroo amma manii maree dhaabbilee gargaasaa kun dhaabbilee misensota ta’an 4,600 akka of keessaa qabuu gabaasnii Kenedii Abaatee ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG