Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Sababaa Haleellaa Hidhattootaa Dhiheenya Kanaan Gilgel Beles Irraa Buqqa'an Gara Qehee Isaaniitti Deebi'uu Akka Sodaatan Himan


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Naannoo Benishangul Gumuz godina Matakal, Magaalaa Gilgel Belese jedhamuu keessatti Adoolessa 7 barra 2023 dhukaasa hidhatootaan banamee kan ka’ee mana isaanii dhiisanii namoottan baqatan dhiibbaan lakkawaman gara qe’ee isaaniitti ittu hin deebi’in jiru.

Namoottan qe’ee isaanii irraa buqa’an kana keessa tokko kan ta’an obbo Adem Mesfin hadhaa warraa isaatiif ijoollee isaanii Afurii wajjin aanaa addaa Paawee jedhamu magaala Almu keessatii daawoo malee akka ala jiraachaa jiru Sagalee Ameerikaatii himanii, waan hidhatoonni garee Gumuzi ammayuu naannoo qe’ee isaanii jiranuuf mana isaanitti akka deebi’uu hin dandeenye ibsanii jiru .

Komishiiniin miraga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa Adoolesaa 14 bara 2023 baaseen haleelaa magaala Gilgel beles irratti raawwatef kan itti gaafatamumaa fudhachuu qaban miseensotaa hidhatootaa Gumuz akka ta’an eereera.

Gareen kun ji’a Onkoloolesaa darbee keessa mootummaa wajjin Araar buusuudhaan gara jireenya nageenyaatti deebi’uun isaa gabaasame jira.

Haleellaa Adoleesaa 7 raawwatee Kanaan namoottan 8 ajjeefamanii 16 immoo madda’uu isaanii gabbasinni Asteer Misgaanaawu Baahir Daar irraa ergitee ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG