Loltoonni duraanii kan Tigraay 50,000 adeemsa meeshaa hiikkachuu fi hawaasatti makamuu kan kibxata kaleessaa xumurame kan marsaa duraatiin deebisanii hawaasatti makamuu isaanii, Itti aanaa bulchaa mootummaa yeroo kan Tigraay Leetenaant Jeneraal Taaddesee Werredee tuuta oduuf Maqalee keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin beeksisaniiru.
Mootummaan Yeroo kan Tigraay bajata waggaa kan bara 2016 akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti qarshii biliyoona 17.3 ykn doolaara miliyoona $316 kibxata kaleessaa raggaasisee jira.
Komiishinerittiin karoora naannichaa Hansaa Teklaay VOAf akka himanitti bajata kana keessaa biliyoonni 13.3 ykn doolaarri miliyoonni $243 mootummaa federalaan ramadame. Bajati sun deggersa maallaqaa hojii dandammachiisa Tigraay keessaaf ramadame ofitti hin haammatu.
Itti aanaa bulchaan kun Maqalee keessatti tuuta oduuf har’a ibsa kennaniin loltoonni duraanii itti dabalaa adeemsa kana marsaa lammataa irratti hawaasatti makamuuf jiru jedhan.
Forum