Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Biyyootii Afriikaa Gumii Raashaa fi Afriikaa Irratti Argamuuf Raashiyaa Seenan  


FAAYILII - Prezidaantii Raashiyaa Vilaadimir Putin hooggantoota Afrikaa wajjin,Raashiyaa, Onk. 24, 2019.
FAAYILII - Prezidaantii Raashiyaa Vilaadimir Putin hooggantoota Afrikaa wajjin,Raashiyaa, Onk. 24, 2019.

Hoogganoonni Afriikaa gumiiin fi marii dinagdee Raashaa fi Afriikaa lammataa kan Roobii dhuftu jalqabuu isaa dura Saint Pitersburgiin seenuu jalqabaniiru. Wabiin nyaataa fi hegereen garee waraanaa Wagner ajandaa ijoo gumii sanaa ta’a jedhamee eegama.

Mootummaan prezidaant Vilaadimir Putin ardii uummata biliyoona 1.3 qabduuf waltajjii addunyaa irratti beekamaa dhufteef cicha qaban agarsiisuuf dhiibbaa haaraan irra jira. Akkasumas ardii addunyaa irraa adda durummaan Raashiyaa simattu keessaa michoota itti dabalaa barbaadu. Jiloonni Afriikaa irra deebi’uu dhaan Yukireen keessatti nagaan akka bu’u yaalii gochuu malu.

Wixata kaleessaa Adoolessa 25 bara 2023 Kiremliin warreen gama dhiyaa keessumaa Yunaayitid Isteetis gumii Raashiyaa fi Afriikaa xumura torban kanaa geggeessamu danquuf yaalte jechuun himatee jira.

Dubbi himaa kan ta’an Dimitirii Peskoof akka jedhanitti mootummoonni Afriikaa akka hin hirmaanne dhiibbaan kana dura argamee hin beekne irra kaa’ameera jedhan. Silumaa mirga Abbaa biyyummaa biyyoonni Afriikaa tumsaa fi hariiroo michoota isaanii waliin gama adda addaan of danda’anii murteessuuf qaban hin simatan jedhan. Daldalaa qabee hanga nageenyaa akkasumas dhimma dhiyeessii midhaanii ilaalchisee hoogganoota Afriikaa waliin tokko tokkoon ni mari’atu jedhamee eegama.

Kun haala waraan Yukireen keessaa mormuu dhaan warreen gama dhiyaa dabalatee kan dhageesisan qaama dhiibbaa qindoomee ti. Gumiin kun geggeessamuuf kan jiru erga Mooskoon torban darbe walii galtee nyaataa kan karaa galaana gurraachaan ergamu keessaa ba’uu labsitee booda. Walii galteen sun Yukireen buufata doonii isee irraa midhaan gara biyyootii alaatti akka ergitu ishee gargaaree ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG