Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Lixaa Keessatti Haleellaan Shororkeessotaa Baatiilee Ja'a Keessatti Si'a 1,800 Geggeessamuun Gabaasame 


Afrikaa Dhihaa keessatti baatilee ja’an jalqabaa waggaa kanaa haleellaalee shororkeessummaa 1,800 ol yoo raawwataman kanaanis namoonni 4,600tti hedaman kan du’an yoo ta’u, balaa namoomaa hamaa dhaqqabsiisee jira. Angawaan gameessi naannoo tokko Kibxata kaleessaa akka jedhanitti sun dhiibbaa suukaneessaa tasgabbii dhabuun fide keessaa muraasa qofa.

Omaar Tuureey gola naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaaf akka himanitti, biyyoota 15 kan Hawaasa Diinagdee Biyyoota Afrikaa Dhihaa ECOWAS keessatti namoonni walakkaa miliyoonaa baqattoota yoo ta’an, gara miliyoona 6.2tti kan hedamu immoo biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’aniiru.

ECOWAS akka tilmaametti, yoo deebiin sadarkaa addunyaa ga’aan hin jiraanne namoota miiliyoona 30 ta’an yeroo ammaa kana hatattamaan nyaata barbaadaniif hin dhiyaanne, Lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii hanga xumura baatii kanaatti gara miliyoona 42tti ol guddachuuf jira jedhan.

Kan komishina ECOWASf prezidaantii ta’an Tuureen, biyyoonni sadii jechuun Maalii, Burkina Faasoo fi Giiniin bulchiinsa waraanaa jala jiraachuun waraanni deebi’ee ka’a yaaddoo jedhu qabaachuu isaanii ibsan. Bu’aan dimokraasii argame duubatti deebi’uun, Afriikaa dhiyaa fi Saael keessatti mudataa kan ture tasgabbii dhabiinsa uume kan jedhan Tureen, sabatiinsi dhabamuun uummata miliyoonaan laka’amu dararaa irraan ga’ee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG