Dhaabbata deggersa maallaqa addunyaa IMFtti ogeessi dinagdee gameessi Piyeer Oliiviyee Guhaanshaa, dinagdeen addunyaa qalbii dhaan weerara COVID boodaa fi weerara Raashiyaan Yukireen irratti geggeessiteen booda dandammachuu kan itti fufe ta’us, guutummaan hin tasgabboofne jechuu dhaan kibxata kaleessaa dubbatanii jiran.
Ogeessi gameessi kun gamaaggama ofii kan kennan, dhaabbatichi bara 2023 fi bara 2024tti dinagdeen addunyaa dhibba irraa harka sadiin gad xiqqaata jechuun erga tilmaamee fi dhibba irraa harka 3.5 kan bara 2022 ture irraa gad ta’a jechuun ennaa beeksisetti.
Fooyya’iinsi xiqqoon jiraatus guddinni dinagdee addunyaa seenaa keessatti isa laaffataa ta’uu gabaasni IMF ibsee jira. Guhaanshaan, balaawwan hamaan ture hangi tokko salphatus, madaalli jiru gad aanaa ta’uu isaa akkasumas udinagdeen addunyaa laffataa ta’uu isaaf mallattoon waan jiruuf fooyya’inatu argame jedhanii gammadauuf yeroon isaa hin geenye jechuu dhaan Guhaanshaan akeekkachiisaniiru.
Ogeessi dinagdee gameessi kun itti dabaluu dhaan Raashaan dhiyeenya walii galtee midhaan galaana gurraachaan irra ga’ame keessaa ba’uun ishee, dhiibbaa fiduu akka danda’u akeekuu dhaan, gatiinnyaataa dabaluu akka malu tuqaniiru. Galmi keenya hanga ammaatti eessa akka ta’u madaalaa jirra, garuu gatiin midhaanii dhibba irraa harka 10 ykn 15 dabaluu mala jennee yaadna jedhan Guhaanshaa-n.
Forum