Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Faannoo Jedhaman Gidduutti Lola Geggeessame Lubbuun Namaa Illee Darbuun HImame


Amhara region
Amhara region

Roobii kaleessaa wal waraansa naannoo Amhaaraatti Humnoota hidhatanii nannicha keessa socho’an kan maaqaa Faannoo jedhuun of waamanii fi Humnoota mootummaa gidduutti taasifameen hanga ammaatti ifatti lakkoofsi isaanii sirriitti kan beekamne ajjeefamuu jiraattonni Sagalee Ameerikaatti himaniiru. Erga walitti bu’insi kun taasifameen booda daandiin Magaalaa Gondor irraa gara gorgoraatti geessu cufaamee akka tures dubbatu jiraattonni.

Wal waraansichi kan taasfime Godina Gondoritti naannoo Riizoortiin haaraa Gorgoraa ijaaramaa jiru kaaba haroo Xaanaattidha. Manni Maree Aanaa Dambiyaa ibsa baaseen walitti bu’insichi kan raawwate yeroo hoogantoonni raayyaa ittisa biyyaa kan Izzii Kaabaa piroojektii Riizoortii Gorgoraa daawwachuuf imalaa turanitti humnoonni hidhannoo hidhatanii socho’an Faannoon daandii cufuun dhukaasa bananiin akka ta’edha. Miseensoota Faannoo ta’uu isaanii kan Sagalee Ameeriikaatti himan immoo humnoonni mootummaa namoota nagaa irratti tarkaanfii fudhataniiru jedhaniiru.

Erga mootummaan poolisii mootummoota naannoo kan humna addaa jedhamaniin beekaaman akka diigaman murteesseen booda naannoo Amhaaraa keessatti wal waraansii fi jeequmsoonni akkasumas bakkoota garaagaraatti ajjeechaan hooggantoota mootummaa taasifamaa jira jedha gaabaasni Asteer Misgaanaawu Bahaardaar irraa ergite.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG