Loltonni mootummmaa Niijeers irratti fincilan Pireezidaantii karaa dimokiraatawaa filatame fonqolchuu isaanii sabaa himaa mootummaan hoogganamu irratti roobii kaleessaa beeksisan. Loltoonni fincilan kunneen dhaabbileen hundi hojii dhaabuu fi humnoonni nageenyaa haala jiru hudaa hoogganaa akka jirani himanii biyyoonni michuuuwaan Niijersi ta’an kana gidduu seenuurraa akka of qusatanis gaafataniiru. Ibsichi kan kenname erga miseensonni eegdota masaraa mootummaa Nijeersitti pireezidaant Mohaammad Baazoom to’annaa jala oolchaniin booda. Yeroo ibsi kun kennamuttis pirezidaantichi eessa akka jiran waanti beekame hin jiru.
Loltoota fonqolchi kun raawwachuu ibsa kennaa turan keessaa tokko kan ta’an ajajaan humna qilleensaa Niijeersi Kolooneel Maajor Amaduu Abdiramaanee tarkaanfiin kun kan fudhatame biyyaattii keessatti haalli nageenyaa gadi bu’aa deemuu, haalli diinagdee fi hawaassummaa badaa jiraachuurraa kan ka’edha jechuun ibsan.Kana malees hanga haalli nageenyaa tasgabaa’utti uggurri sochiisa’aatiin kaa’amuu isaas himaniru. Yeroo isaan ibsa kana kennanitti qondaaltoonni waraanaa Sagal biroon isaan waliin turan.
Erga gareen loltoota mootummaa irratti fincilanii kun mootummaa fonqolchuu isaanii ibsanii booda fuula miidiyaa hawwaasaa Tiwuuterii kan Pireeziidantii Niijeers Mohaammad Baaoom irratti ibsa ba’een yaaliin fonqolchaa godhame akka hin milkoofnee fi kanneen yaalii kana fudhachaa jiran yoo duubatti hin deebine humnoonni nageenyaa tarkaanfii irratti fudhachuuf qophaa’uu isaanii akkasmas Pireezidaantichis ta’e maatiuin isaanii haala gaariirra jiraachuu ibseera.
Gareen miseensa diinagdee biyyoota Afrikaa Lixaa “ECOWAS” ibsa baaseen fonqolcha Niijeers keessatti taasifame balaaleffachuun Pireezidaantii biyyattii hattatamaan akka gadhiifamaan gaafateera. Dhaabbanni gamtaa AFiirikaas Ibsa baaseen taatee Niijeers keessatti ta’e jedhe balaaleffateera.
Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii ibsa baaseen gareen loltoota fonqolcha taasisan kun Pireezidaant Mohaammd akka hiikan gaafateera. Dubbi himaan hoogg anaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Isteefen Juujariik ibsa Roobii darbe kana kennaniin dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Pireziidantii Niijeers isa karaa dimokiraatawaa filatamee fi fedhii uummata Niijeersi akka deeggaran himaniiru.
Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Anteenii Biliinken Kamisa kana ibsa kennaniin Ameerikaan Pireezidaantii biyyattii Mohaammad Bazoom akka deegartu ibsan. Biliinkeen ibsa daawwannaa biyya Niwuuzlaand osoo jiranii kennaaniin haala amma Niijeers keessa jiru jala buunee hordofaa jirra jedhanii tattaffii humnaan aangoo qabachuu kamiyyuu ni balaaleffannas jedhaniiru.
Forum