Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Daldalli Biyyoota Afiriikaa Waliin Taasisaa Jirtu Bara Kana Dhibbeentaa 35 Irra Ga’uu Pirezidaant Vilaadmiir Puutin Dubbatan   


Prezidaantiin Raashyaa Vilaadmir Putin gumii Raashaa fi Afriikaa Irratti haasaa dhageessisan
Prezidaantiin Raashyaa Vilaadmir Putin gumii Raashaa fi Afriikaa Irratti haasaa dhageessisan

Dhiibbaa Qoqqoobbii Addunyaa fi Weerara Kiiviid 19 dandamachuun walakkaa bara 2023 kanarratti daldalli Raashiyaa fi Afiriikaa gidduu dhibeentaa 35 tti siiqeera jedhan Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutiin.

Puutiin kana kan dubbatan wayita dura ta’aa gamtaa Afrikaa fi Pirizidaantii Komooroos Azaalii Asomaani fi dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afirikaa Muusafakii maahaammat waliin marii’atanidha. Bara darbe kana daladdalli Raashiyaan BIyyoota Afiriikaa waliin taasifte doolaara Biiliyoona 18 akka ture ibsanii walakkeessa bara kanaattimmoo dhibbeentaa 35 irra ga’eera jedhan. Kunis qoqqobbii biyyoonni addunyaa nurra kaa’anii fi weerara Koovid 19 dandamanneeti jedhan. Itti dabaluunis Raashiyaan Biyyoota Afirikaaf miidhaan Nyaataa dhiyyeessuu amanummaan akka itti fuftuu fi Raashiyaan bara 2022tti meeshaalee gara biyyoota Alaatti ergiteetturraa doolara biiliyoona 4.7 argachuu ishees eeraniiru.

Pireziidaantiin Komoroosii fi dura taa’aan gamtaa Afiriikaa Azaalii Asoomaan wayita Puutiin waliin dubbatanitti haala Raashiyaa fi Yuukireen keessa jirurraa ija kaasuu hin dandeenyu sababiin isaas biyyoonni lamaanuu warra nu waliin hariiroo qabanii fi sababaa wal wraansa biyyoota kana lamaaniin Adduynaan marti ni miidhama keessumaa Afiiriikaan jedhan.

Hooggntoonni biyyoota Afiriikaa hangi tokko yaa’ii Raashiyaatti Pireezidaantiin raashiyaa Puutiin waaman irratti hirmaachuuf Raashiyaa galaniiru. Raashiyaan yeroo waraana Yuukireen waliin taasisaa jirtu kanatti michummaa biyyoota Afiriikaa barbaacha hooggantoota biyyootaa kan waamte yommuu ta’u biyyoonni Lixaa hooggantoonni biyyoota Afiriikaa yaa’ii kanarratti akka hin hirmaanneef dhiibbaa irratti taasisaniirtu jechuun himatteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG