Prezidaantin Faransaay Emaanu’el Maakroon , prezidaanti Niigeer kan fonqolchuun aangoo irratti raawwate haasofsiisuu isaanif nageenyaa isaanii akka mirkaneeffatan ibsuu isaanii maddi Oduu Ajaans Fraans Prees/ AFP ibsee jira. tarkaanfii loltoonii biyyatti fudhatan irratis mormii isaaniis dhageesisaniru.
Barreessaan muummee kan dhaabbata mootummootaa gamtoomaniis mormii isaanii ibsanii prezidaant Mohaamed Bazoom akka bakka isaaniiti deebi’an gaafata jiru.
Sadarkaa Aduunyaatii mormiin fonqolchaa aangoo loltoonni Niijeer taasisan irratti dhihaachaa jiru itti fufe jirus, hoggantoonni waraana Niijeer tarkaanfii prezidaantii biyyatti aangoo irraa kaasuuf Roobii dheengaddaa fudhatameef deggersa akka qaban ibsaa jiraachuun isaanii beekameera.
Prezidaantiin biyyatii ergaa aangoo keessa of dhokasanii boodaa mirgaa lammilee biyyatti dagataniiruu” jechuudhaan kan dubbatan degertoonni fonqolchichaa yemuu waajira paarti prezidaantiichaa “ paartii Demokiraasii fi Sooshaalizimii” jedhamu saamanuufi guban mul’atee jira.
Loltoota 1500 kan ta’an Niijeer keessa kan qabduu Faransaay, fonqolchaa aangoo kana jabeesitee akka baleeleffatu kamisaa kaleessa ibsitee, bulchiinsii prezidaantichaa akka bakka isaatti deebi’uu qabu hubachiiftee jirti.
Karaa biraatiin, barreesaan muummee mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees magaala Niwu Yoork keessatti ibsa Gaazexessootaaf kennanniin, Loltoonii fonqolchaa aangoo raawwatan aangoo mootummaa nama haala demokraatawaa ta’en filataman Mohamed Bazuumuuti akka deebisanii kennan gaafataniiru.
Gareen hawaasaa diinagdee kan biyyoottan Afrikaa lixaa ykn “ECOWAS” jedhamee beekamu gama isaatiin, tarkaanfichaa balaalefachu isaa komishineerri dhimmaa Siyaasaa dhaabbatichaa Abdel Fata Muusaa VOA ti himanii jiru.
Bara 2020 irra kaasee fonqolcha aangoo lixaa fi walakkeessa Afrikaa keessatti taasifaman keessaa inni amma Niijeer kessatti taasifamee yeroo Torbaffaadhaaf akka ta’e beekameera.
Forum