Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awurooppaa Wal Waraansa Sudaan Keessatti Gareeleen Lamaan Waamicha Nagaa Simachuu Dhabuu Isaaniitti Gadduu Isaa Beeksise


Gamtaa Awrooppaa
Gamtaa Awrooppaa

Walwaraansaa Sudaan keessatti adeemaa jiruun namoottaan midhamaniif gargaarsaa hawaasti adduunyaa taasisaa jiru keessatti gamtaan Awurooppaa adda duree irraa akka jiru, bakka bu’aa olaanaan gamtichaa Jooseef Booreel ibsaniiru.

Walwaraansaa guyyoottan dhibbaa ol itti fufee jiru Kanaan, namoottan du’an kumaan lakkawaman keessa 435 ijoollewwan ta’uu isaanii fi kumnii 12 biroo immoo madaa’uu isaanii kan ibese gabaasini gamtaa Awurooppaa namoottan jireenya isaanii irraa buqqa’an miiliyoonii Sadii ol keessaa hokkora saalat fi dhiibbaa saala irratti hundaa’eef kan saaxilaman heduu ta’u isaanii eeree jira.

Haalii kutaa Daarfuur keessa jiru xiyyeeffanaa mataa isaa danda’e kan barbaadu akka ta’e kan ibsee gamtaan Awuroopaa , gargaarsii namoomaa sudaan keessatti taasifamu hala naga qabeessa ta’en, kan yeroo isaa eeggate fi kan gargar hincinne akka ta’u dhukaasa dhaabuu dabalatee gareewwan dhimicha keessaa qoodaa fudhachaa jiran yoo mirkaneesan qofa akka ta’e hubachiiseera.

Gamtaan Awuroopaa magaala Biraaseels keessatti bakka bu’ootaa Ummata Sudaan walti qabuudhaan, akkataa nageenya buusuun danda’amuu fi egeree biyyatti keessatti waan ta’uu qabu irratti akka waliin maryatan taasfamuu isaa kan ibsan haanga’aa olanaan gamtichaa Joseef Booreel, gamtaan Awuroopaa , sudaan kessatti hala gargaarsaa namoomaa mijeesuudhafi nageenyaa waarii qabeessa ta’e mirkaneesuuf yaalii gamtaan Afrikaa fi gareen biyyoottan baha Afrikaa IGAD taasisaa jiru walgahiin Biraasels keessatti taasifamaa jiru akka bakka kenuuf ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa walwaraansicha dhaabsisuudhaafi nageenyaa jajjabeesuudhaaf tarkaanfiiwwan daangesuu/dhorkaa dabalatee malaawwan harkaa isaa keessa jiran akkataa fayyadamuun danda’amu ilaaluuf qophaawaa akka ta’e ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG