Xiinxaltoonni akka jedhanitti yaaliin fonqolcha mootummaa gidduu kana Nijeer keessatti geggeessame seenaa jeeqama siyaasaa biyyattii Afrikaa gama lixaa kana keessaan yoo ilaalame waan hin eegamne tahuu hin danda’u. Eega Nijeer bara 1960 kolonii Faransaay jalaa baatee, walabummaa labsattee as fonqolchawwan mootummaa afurii fi yaaliwwan fonqolchaa hedduu tu biyyattii keessatti geggeessamee ture. Prezidaantiin Nijeer Mohaammad Baazuum yeroo jijjiiramawwan hedduun biyyattii keessatti barbaachisanitti sab-lammii xiqqaa irraa kan filataman waan tahaniif, sab-lammii biyyattii guddaa irraa dura-dhaabbanaan kan isaan mudate tahuu mala jedhu xiinxaltoonni.
Fonqolchi Niijer Keessatti Raaw’atame Waan Hin Eegamiin Tahuu Hin Danda’u, Jedhu Xiinxaltoonni
- VOA
Forum