Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti diinummaan ka’aa dhufeen aanaalee adda addaa keessatti lubbuun namoota hedduu akka ajjeefamu jiraattonni fi maatiin miidhamtootaa RSAf ibsanii JIru.
Sambata darbe Godiina Shawaa Kaabaa magaalaa Shawaa Roobit keessatti walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa fi gareelee seeraan ala hidhatan kanneen Faannoo jedhaman gidduutti uumameen yoo xiqqaate namoonni 7 dabalataan kan ajjeefaman yoo ta’u kunis, torban tokko yeroo hin guunne keessatti yeroo lammataaf ta’u isaati.
Lakkoofsi namoota miidhaman jedhamee kun madden walabaan hin mirkanoofne.
Namoota Dilbata ajjeefaman keessaa shamarree buna gurgurtu tokko ta'uu obboleessi ishee RSA'tti himeera.
Obboleettiin isaa guyyaa sana maamiltoota isheef buna dhiheessaa eega turtee booda, gara manaatti deebi'aa akka turte dubbateera.
Bulchiinsa naannoo Amaaraa Godiina Wolloo Kibbaa, Hogganaan Waajjira Barnootaa Gubaa Laaftoo Obbo Gebre Gebeyaw gama biraatiin, Sambata Adooleessa 29, namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen rasaasaan ajjeefaman.
Mootummaan naannoo Amaaraa ummanni mariidhaaf akka qophaa’uu akkasumasyaadii isaa banaa akka ta’u waamicha dhiyeesse. Mootummaan naannichaa ibsa Dilbata kaleessaa baaseen gaaffiin ummataa kam-iyyuu hokkaraan furmaata argachuu akka hin dandeenye ibseera.
Ibsichi garuu walitti bu'iinsa lubbuu namaa galaafatu kan dhiheenya kana humnoota nageenyaa fi garee Faannoo gidduutti uumame kallattiin maqaa hin dhoofne jechuun Masfiin Arraaagee gabaasee jira.
ma/jg/dw
Forum