Bulchiinsa naannoo Sabootaa fi Sablammoota, Ummata Kibbaa goodiina Gurage aanaa Meskan Bahaa keessatti, walitti bu’iinsa gareewwan xixiqqaa Mesqaan fi Mareqoo gidduutti Sambata Adooleessa 28 uumameen, yoo xiqqaate namoonni 8 du’uu jiraattonni RSAf ibsanii JIru.
Namoonni biroo hedduunis madaa’uu isaanii fi gareewwan xiqqaa lamaan gidduutti muddamnii hammaachuu isaan, jiraattonni naannoo sanaa baqachuu jalqabaniiru jedhan.
Akka jiraattonni kun jedhanitti, walitti bu’iinsi lubbuu namaa galaafate kun itti fufiinsa waldhabdee gandeen 9 irratti gareewwan lamaan falmii kaasanii dha.
Mormituu kan ta’e i, Paartiin Tokkummaa fi Haqaa kan Guragee jedhamu akka jedhanitti, Adooleessa 19, bara 2023 irraa eegalee walitti bu’iinsa itti fufiinsaan uumameen namoonni 18 ajjeefamaniiru.
Mootummaan, humna nageenyaa naannoo sanatti akka bobbaasu waamicha dhiyeessee jira jechuun Yoonaataan Zabdiwoos gabaasee jira.
yz/jg/dw
Forum