Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaan Polisoota Gara Heeyitiitti Erguuf Karoorfachuu Ishee Heeyitiin Simattee Jirti


FAAYILII - Poolisoota Heeytii, Adoolessa 23, 2021.
FAAYILII - Poolisoota Heeytii, Adoolessa 23, 2021.

Humna biyyoota hedduu 1,000 qabu hoogganuun biyya jeequmsaan miidhamte Heeyitii keessatti nageenya cimsuuf yaada Keeniyaan dhiheessite '' Heeyitiin fedhii guddaadhaan'' simatteetti.

Ibsi Ministira Dhimma Alaa Heeytii Jiin Victor Geneus Dilbata kaleessaa baasaniin, “Heeyitiin ibsa Afrikaan gamtaa uumuuf dhiyeessite kana ni dinqisiifatti, ergama xiinxalaaf yaada Keeniyaan dhiheessites simachuuf hawwii guddaan Heeytiin eeggatti” jedhan.

Keeniyaan Sambata dabree kana akka labsiiteetti, gareewwan jeequmsaa kanneen magaalaa guddoo Poort-o-Priins harka caalu to’atan qolachuuf, polisoota Heeyitii leenjisuu , deeggaruuf fi gargaaruuf poolisii 1,000 bobbaasuuf qophaa’uu ishee beeksistee jirti.

Ibsi Ministirri Dhimma Alaa Keeniyaa Alfreed Mutuun maxxanfame kun, “Keeniyaan Humna Biyyoota Hedduu gara Heeyitiitti geggeessuuf haala gaariin yaaduu fudhattee jirti” jedha. Bobba’iinsi Keeniyaan durfamu kun ammallee gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummoota biraa ehama akkasumas waliigaltee sirnaa kan aangawoota biyya keessaa barbaada.

Gollii naga eegumsaa, barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guterees ergama waajiira isaaniin durfamu dabalatee filannoowwan Heeyitiif ta’uu danda’an ilaalchisee hanga walakkeessa baatii Hagayyaatti gabaasa akka dhiyeessan gaafateera.

Dippilomaatonni Yunaaytid Isteetis, biyya humna biyyoota hedduu kana hogganu dammaqinaan barbaadaa turan.

Mutua akka jedhanitti, Keeniyaan torbeewwan dhufan keessa ''ergama waan jiru ilaaluun xiinxalan'' gara Heeyitiitti akka ergitu himaniiru.

Voa/jg/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG