Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Baankii Addunyaa Itiyoophiyaa Daawwataa Jiran  


Ministirri Maallaqaa Itiyoophiyaa Ahmed Shide fi Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa, Finfinnee, Hagayya 1, 2023.
Ministirri Maallaqaa Itiyoophiyaa Ahmed Shide fi Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa, Finfinnee, Hagayya 1, 2023.

Pireezidaantiin haaraan kan Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa kaleessa Ityoophiyaa kan seenan yoo ta’u, Paarkii Indaastirii Boolee Lammii, fi goodiina waan alatti ergamuun beekamuu guddichaa fi Paarkii Indaastirii ammayyaa magaalaa Finfinnee keessatti argamu daawwataniiru.

Pireezidaantichi Baankii Addunyaa muummicha ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad waliin ta’uun indaastiriiwwan oomisha uffataa fi Biqiilaa irratti bobba’an lama wal duraa duubaan daawwataniiru.

"Paarkiiwwan industirii – warshaalee argamsiisan kanneen dargaggootaaf, keessumaa dubartootaaf carraa hojii, guddina dinagdee fi hawaasummaa uumuun baay'ee gaarii dha" jechuun hogganaan Baankii Addunyaa xumura daawwannaa kanaa irratti gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

Kaleessas muummicha ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad waliin marii gaggeessanii jiru.

Baankiin Addunyaa Itoophiyaa waliin daangaa walta'insasaa bal'isuudhaan karaa liqii warra liqeeffatuuf mijataa ta'ee, karaa 'IFC' ykn walta’iinsa maallaqa addunyaa invastimentii cimaaf dhiyaatuun akkasumas ajandaa keenya jijjiirama dinagdee biyya keessaa maddeen deeggaruudhaan guddina dinagdee keenyaaf gumaacha guddaa ni qabaata, jechuun Mummichi Ministeeraa Abiiy Ahmad fuul Fees Buukii isaanii irratti barreessuu isaanii Keeneedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG