Bulchiinsa naannoo Amaaraa goodiina Wolloo kaabaa magaalota Woldiyaa fi Qobboo gidduutti walitti bu'iinsi humnoota mootummaa fi garee seeraan ala hidhate ykn Faanoo gidduutti uumameen daandii cufamuu jiraattonni RSA'tti himanii jiru.
Haalli nageenyaa naannoo sanaa hammaataa dhufuun uggura imalaa fi geejjibni kokoolaataa akka addaan citu taasiseera jedhan.
Walitti bu’iinsa mudateen booda, Kibxata har’a magaalaa Qobboo keessatti baankonni fi waajjiraaleen mootummaa cufamanii akka turan jiraattonni mirkaneessaniiru.
Akkasumas sagalee dhukaasaa haandaara magaalatti irraa dhagahuu akka danda’an himan.
Izeemaan Wiixata kaleessaa Ibsa baaseen, gareewwan hidhatan biyyattii keessa jiran garaagarummaa siyaasaa karaa nagaa akka furan waamicha dhiyeessee jira jechuun Masfiin Arraagee gabaasee Jira.
Forum