Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Gareeleen Wal Waraanan Yakka Waraanaan Gaafatamuu Qabu Jedha Gareen Mirgaaf falmuu fi Hayyonni Sudaan 


Maatii Sudaan keessaa godaananii gara Chad baqatan, Adree, Chaad, Adoolessa 26 , 2023.
Maatii Sudaan keessaa godaananii gara Chad baqatan, Adree, Chaad, Adoolessa 26 , 2023.

Sudaan keessatti qaamotni wal waraanaa jiran lamaan gocha hammeenyaa akka yakka waraanaa fi sarbama dhala namaatti himatamuu danda’u raawwachuu isaanii gamtaan mirgaa namoomaa fi qaamoota ogummaa kan Sudaan, himatee jira.

Gamtaan kun iyyata barreessaa duree Tokkummaa Mootummoota Antooniyoo Gutereesiif dhiheesseen, Manni Murtii Yakkaa qoratuu kan addunyaan akka qoratamu gaafateera.

Gareen mirgaa qabsa’anii fi qaamoleen ogummaa Sudaan kanneen 30 ol ta’an Humni Waraanaa Sudaan fi Humni Deeggarsa Saffisaa , naannoo Sudaan Daarfurii fi bakka biraatti namoota nagaa irratti sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiru jechuun himataniiru.

Ibsa waliin sambata dabree baasaniniis, baaseen sarbamiinsa mirgaa hatattamaan akka qoratamuu fi dhimmichi karaa gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaan gara Mana Murtii Yakkaa qoratu kan addunyaatti akka darbu gaafataniiru.

Itti aantuu itti gaafatamtuun Waldaa Ogeeyyii Seeraa Daarfuur Nafisa Hajar RSAf akka ibsanti, sarbamiinsa seeraa fi haleellaa walduraa duubaan raawwataman, kanneen akka ajjeechaa jumlaa, duguggaa sanyii fi uummanni humnaan qe’ee isaanii irraa buqqa’uu gochuu dabalatee, yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwatamu galmeessaniiru jetti.

Sirni haqaa Sudaan amma sababa waraana deemaa jiruun laamsha’uu isaa yoo ilaalle, hawaasni addunyaa tarkaanfii fudhachuun namoota yakka kana raawwatan gara mana murtiitti dhiyeessu qaba jedha.

Hajar akka jedhanti, yeroo ammaa kana, haleellaan qilleensa irraa gaggeeffamu gamoolee siiviilootaa irratti itti fufee jira, namoonni nagaa humnaan qe'ee isaanii irraa buqqa'aa jiru, dubartoonni sirnaan gudeedamaniiru. Kanaaf, hammeenyi kun hundi akka yakka waraanaatti lakkaa'amuu qaba jedhu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG