Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareewwan Hidhatanii Itiyoophiyaa Keessa Socho’an Waldhabdee Jiru Marii Siyaasatiin Akka Hiikuu Qaban Paartiin Mormitootaa IZEMA’n Gaafate


FAAYILII- Miseensota Humna Addaa Amaaraa guyyaa ayyaanaa, kabaja irratti, Laallibalaa, naannooAmaaraa, Amajjii 25, 2022.
FAAYILII- Miseensota Humna Addaa Amaaraa guyyaa ayyaanaa, kabaja irratti, Laallibalaa, naannooAmaaraa, Amajjii 25, 2022.

Paartiin mormitootaa IZEMAn ibsaa ibsaa Torban kana baase keessatti gareewwan hidhatanii lolaa jiran muuxannoo walti bu’insa kanaan duraa biyyatti keessa turee irraa barachuudhaan waldhabdee isaanii karaa nagaatiin akka hiikuu qaban hubachiiseera.

Paartichii ibsa isaa keessatti namoottan mootummaa keessaa hojjachaa jiran tokko tokko haata’u jedhanii raayya ittisa biyyaa garaa kaayyoo isaanitti dogoggoraan harkiisuu akka yaalaa jiran ibsee gochichaas balaaleffate jira.

Haaluma walqabateen dubbi himaan umna ittisa biyyaa mootummaa Itiyoophiyaa Koloneel Geetinet Adaane ibsaa qibxata kaleessaa dhaabbilee oduu biyyaa keessaatif ibsa kennaniin raayyan ittisa biyyaa haalaa amansiisaa ta’e irra akka jiru ibsaniiru.

Dubbi himichii akka dabalanii ibsaniitii raayyan itti biyyaa kana booddee oduu dharaa fi maqa balleesii karaa saba himaalee adda addaatiin dhaabbaticha irraati faca’aa jiru akka obsuu hin dandeenye hubachisanii, waraannii mootummaa sochii finciltootaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru irratti tarkaanfii fudhachuu jalqabuu isaa ibsuu isaanii Malaskaachoo Ammahaa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG