Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Hoggantoota Waraanaa Biyyoottan Miseensota “ECOWAS” Waa'ee Niijer Irratti Mari'achaa Jiru 


Koree hoggantoota waraanaa biyyoottan miseensa garee hawaasa diinagdee lixa Afrikaa ykn ECOWAS , Niijer, Hagayya 2023.
Koree hoggantoota waraanaa biyyoottan miseensa garee hawaasa diinagdee lixa Afrikaa ykn ECOWAS , Niijer, Hagayya 2023.

Yemmuu biyyoottan Awurooppaa Lamilee isaanii Niijeer keessaa baasaa jiran kanatti, koreen hoggantoota waraanaa biyyoottan miseensa garee hawaasa diinagdee lixa Afrikaa ykn ECOWAS jedhamee beekamuu haala Niijer keessa jiru irratti maryachuudhaaf Roobii har’aa biyya Naajeeriyaa magaala Abuujaa keessatti walgahanii jiru.

ECOWAS dhimma kana irratti ibsa gabaabaa baaseen koreen hoggantoota waraanaa biyyoottan miseensaa isaa ta’an walgahii isaanii amma jimaata iftaaniitti itti fufu kana keessatti haala siyaasaa Repaabliikii Niijer keessa jiru irratti maryatu jedheera.

Jiilli ECOWAS biroo immoo miseensotaa waraanaa warren fonqolcha aangoo raawwatanii wajjin marii taasisuudhaaf Roobii har’aa garaa Niijer ti akka Imalu beekameera.

Kun itti kanna jiruu, biyyoottan Awurooppaa lammiilee isaanii Niijeer keessa jiranuuf lammiilee biyyoottan biroo biyyatti keessa baasuu jalqabanii jiru.

Ministirri dhimma alaa Faransaay akka beeksisetti, balaliin xiyyaaraa jalqabaa lama lammilee Faransaay 350 ta’an fe’ee magaala Paaris qubatee jira.

Namoottan xiyyaaraa Faransaay kanaan bahan lammilee biyyatti qofa ittu hin ta’in, lammiileen Niijer, Beeljiyeem, Itiyoophiyaa, Libaanoon, Jarman, Kaanaadaa, Indiyaa, Ostiriyaa fi Yunaayitid Isteets akka keessatti argaman ibsameera. Xiyyaarri Ixaaliyaa Niijer keessa qubates gama isaatiin, lammiilee biyyatii 36, Lammilee Amerikaa 21 , lammilee Bulgaariyaa 4 lammiilee Awustiraaliyaa 2 akkasumas lammilee Biriiteen, Niijer, Hangaarii, Seenegaalii fi Naajeriyaa kaasuu isaanii maddi oduu Rooyiters gabaaseera.

Speen gama Isheetiin lammilee ishaa Niijer keessa jiran baasuudhaaf akka adeemaa jirtu beeksifteetti. Yunaayitid Isteets gargaarsaa waraanaa Niijeriif taasisaa jirtu dhaabuu irratti yaadaa akka jirtu dhaabata mootumoota gamtoomaniitti ambaasadarri mootummaa Yunaayitid Isteets ibsuun isaanii gabaasameera.

Sagaleen Amerikaa kan haasofsiise Yunaayitid isteesti ambaasadarri Niijer Maammaduu Kiyaarii Liimaan Tinguurii Prezidaantiin biyyatii torban darbe aangoo irraa kaafaman Mahaamud Baazuum qaamaa fi xin sammuudhaan haala gaarii irraa akka jiran himanii, lammiileen Niijer bakka adda addaa jiran dhimmichaa irrati gadduu isaanii dubbataniiru.

Barreesaan muummee dhaabbata mootumoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees Ibsa qibxata kaleessaa kennaniin oduun hidhamaa jiraachuu miseensota mootummaa Niijer akka isaan yaaddesse ibsuu isaanii dubbii himaan dhaabatichaa beeksisaniiru.

Lixa Afrikaatti jiilli adda Guterees Li’oonaardoo Saantoos Simaa’oo magaalaa gudichaa Gaanaa Akiraa keessatti ibsaa oduu gabastotaaf kennaniin, dhaabbanni mootummootaa ECOWASn degeeruudhaa alatti marii kamiinuu keessa akka hin seenne ibsanii, dhaabanni mootummoota gamtoomanii kan dursa kennuu fala karaa nagaatiin rakkinchaa hiikuu akka ta’e ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG