Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Ayivorii Koost Duraanii Du’aan Boqotan 


FAAYILII - Prezidaantii Ayivorii Koostii duraanii, Henerii Konaan Beedee
FAAYILII - Prezidaantii Ayivorii Koostii duraanii, Henerii Konaan Beedee

Prezidaantiin biyyaa Ayivorii koostii duraanii sabboonumaadhaan beekaman Henerii Konaan Beedee umurii isaanii wagga 89 ti adduunyaa irraa du’ann boqotani jiru.

Akka maddii oduu Ajaans Fraans Prees/AFP gabaasetti , Ergaa biyyii Ayiverii koosti bittaa Faransaay jalaa walaba taatee boodaa Prezidaantii biyyatii kan turan Fliiks Huufeet buwaanyee bakka bu’udhaan bara 1993 jalqabee amma bara 1999 biyyatti bulchaa kan turaan Henerii Koonaan Beedee ergaa anngoo isaanii irraa fonqolcha loltootaatiin kaafamanii boodaa garaa aangootti deebi’uudhaaf barra 2000, 2010 fi 2020 yaaliin taasisan hin milkoofneef. Beedeen ijoon ilaachaa siyaasaa isaanii keessatti yaadaa “Ayivoorummaa” jedhuu nama leelisaa turanifi sabboonummaa Ayivoolumaa akka dursaan gabaasameera.

Beedeen yemuu baraa 2020 prezidaantummaadhaaf dorgoman waa’ee umurii isanii gaafatamanii Umuriin qabeenyaa akka ta’ee ibsuudhaan paartii isaanii bakka bu’anii filanooti seenanus prezidaanti yeroo amma biyyatti bulchaa jiran Alaasaan O’utaaraatiin akka moo’aman ni yaadatama. Beedeen kan du’an guyyaa har’aa Haggaaya 2 bara 2023 magaa Abiijaan keessatti akka ta’e beekameera. Ayivorii koost bara 1960 bittaa Fayaansaay jalaa walabaa biyya taatee ta’uun ishee nibeekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG