Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nannoo Amaaraa Irra-jirii Keessaa Cituun Beekame  


FAAYILII - Namoota interneet kaaffee fayyadamaan, Finfinnee, Onk. 31, 2011.
FAAYILII - Namoota interneet kaaffee fayyadamaan, Finfinnee, Onk. 31, 2011.

Walitti-bu’insa  Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Seer-maleeyyii Faannoo Gidduutti Geggeessamaa jiruun Wal-qabatee Interneetiin Nannoo Amaaraa Irra-jirii Keessaa Cituun Beekame

Jeequmsa nannoo Amhaaraatti ka’ee jiruun bakkoota baay’ee naannicha kessatti tajaajilli Inteerneet addaqan citeera jedhan jiraattoonni. Wal waraansa humnoota waraanaa Mootummaa fi Humnoota seeraan ala meeshaalee waraanaa hidhataniiran kanneen maqaa Faannoodhaan of waaman gidduutti taasifamaa jiruu hordofee miidiyaalee hawwaasaarra uggurri kaa’amuu jiraattoonni Sagaleen Ameeerikaa dubbise dubbataniiru.

Itti aanaan muummee ministiraa fi ministirri ministrira haajaa alaa Itiyoophiyaa Obbo Dammaqee Mokonniin toora midiiyaa hawwaasaa Faacebook isaaniin akka ibsanitti haala rakkoo nageenyaa naanoo Amhaaraa keessa jiru karaa ngaa fi mariin hiikkamuu akka qabu jedhaniiru.

Pireziidaantiin Bulchiinsa Naannoo Amhaaraa Yiliqaal Kaffaleew Kaleessa waaree booda magaalaa Baahirdaaritti Ibsa sabaahimaaleef kennaniin haalli nageenya Naannicha keessaa rakkisaa dhufuun gara seer maleesummaatti geessuu mala jechuun himaniiru jedha gabaasni Keneedii Abaatee Finfinneerraa erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG