Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sinoodoosiin Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Tigiraay Tarkaanfii Sinoodoosii Waldaa Kiristaanaa Orthodoksii Itiyoophiyaatii Fudhate Morme


FAAYILII - Bataskaana Aksuum keessaa, naannoo Tigraay, Sadaasa 4, 2013.
FAAYILII - Bataskaana Aksuum keessaa, naannoo Tigraay, Sadaasa 4, 2013.

Sinoodoosiin Ortodooksii Tigiraay Kassaate Birhaan Selaam qoqqobbiin Sinoodoosiin Ortodoksii Itiyoophiyaa Abbootarra kaa’e fudhatama hin qabu jedhe. Naannoo Tigiraayitti Sinoodoosiin haaraan ,sinoodoosii ortodoksii Itiyoophiyaarraa addaan ba’uu labsatee maqaa Kassate Birhaan Selaamaatiin hundeeffamee fi dhiyeenya muudama Ephiisqoophoosootaa haaraa gaggeesse , Sinoodoosii Ortokodooksii Itiyoophiyaan kaleessa qoqqobbiin irra kaa’amee ture.

Ibsa Sinoodoosiin Ortodooksii Itiyoophiyaa kaleessa kenneen Sinoodoosiin Ortodooksii Tigiraay maqaa Kassaate Birhaan Saleemaatiin hundaa’e seera maleessaa fi seera mana amatichaallee kan hin eegne jedheera. Kanaanis wal qabatee Phaaphasota Afurii fi Ephiisqoophoosota dhiyyeenya Aksuumiitti muudamni kennameef guutummaa guuttuutti sadarkaa daaqunummaarraa qabee hanga phaaphaasummaatti muudamni man amantichaan qaban irraa mulqameera jedheera.

Dhimma kanarratti kan gaafataman Sinoodoosii Ortodooksii Tigiraay kan maqaa Kassate Birhaan Selaam jedhu hundeessaan keessaa tokko kan ta’an Abuune Pheexiror Phaaphaasii Sabakaa Indaasillaasee kan ta’an Sinoodoosiin Ortodooksii Itiyoophiyaa murtoo nurratti dabarsuuf mirga homaatuu hin qabu . Sababiin isaas nuyi isaan irraa gargar ba’uu keenya ifatti erga labsannee turreerra. Kana malees kaayyoon isaanii Amantoota Ortodoksii Tigiraay ta’an gaggeessaa Amantii malee hambisuuf kan karoorfatedha jechuun Sagalee Ameerikaatti himaniiru jedha gabaasni Muluugeetaa Astbahaa Maqaleerraa erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG