Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Prezidaantin Niijer Torban Dabre Fonqolchaman Akka Hatattamaan Taayitaa Isaaniitti Deebisaman Gaafatan 


 FAAYILII - Pireziidaantii Yuunaayitid Isteetsi, Joo Baayiden, Adooleessa 28, 2023.
 FAAYILII - Pireziidaantii Yuunaayitid Isteetsi, Joo Baayiden, Adooleessa 28, 2023.

Pireziidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayiden Humnoonni Waraanaa Niijeer fonqolcha mootummaa gaggeessanii Pireziidantii biyaattii to’annaa jala oolchanii jiran hattattaaman akka gadhiisan gaafatan. Pireziidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayiden Kamisa kana ibasa kennaniin Torban darbe fonqolcha mootummaan aangoorraa kan kaafaman pireziidaantiin Niijeer Mohaammada Baazuum hattaattamaan to’annaa oolfaman jalaa akka gadhiifaman gaafataniiru.

Baayiiden kana kan jedhan hooggantoonni waraanaa biyyoota ollaa Niijeer kan garee hawwaasa diinagdee biyyoota Afirikaa lixaa “ECOWAS” Naayijeeriyaa Abujaatti dhimma kanarratti mari’achuu erga jalqabanii guyyaa lammaffaa isaaniittti. Gareen hawaasa diinagdee biyyoota Lixa Afiirikaa “ECOWAS” hanga dilbata dhufuutti humnoonni waraanaa Niijeer kanneen fonqolcha mootummaa gaaggeessan Pireziidantii biyyattii Mohaammad Baazuum gara aangoo isaaniitti yoo deebisne ta rkaanfii humnaa akka fudhatan beeksisaniiru.

Kana malees gareen biyyoota diinagdee Afiirikaa Lixaa “ECOWAS” Niijeer irra qoqqobbii kaa’uuf jiraa. Qoqoobbii Niijeriin qaqqabuuf keessaa humna Annisaa Eleektiriaa guutummaa guutuutti biyya alaarraa kan galchitu irraa kuutuun isa jalqabaa ta’as jedhameera. Biyyi hiyyeettiin baay’ina Uummataa Miiliyoona 25 qabdu kun haalli qoqqobbii humna aannisaa eleektiriikaa irraa cituuf deemuun miidhaamtiin gamanumaan yaaddoo uumeera.

Hooggantoonni waraanaa Niijeer Pireziidaantii biyyattii Mohaammad Baazuum gaafa Adooleessa 26 irraa kaasee mana isaanii keessatti to’annaa jala oolachanii aangoo mootummaa fudhachuu isaaniif ifoomsaniiru. Fonqolcha Mootummaa gaggeessuuf sababa nuuf ta’eera kana jedhanis haalli nageenya biyyattii sad

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG