Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Keeniyaan Humna Waloo Biyyootaa  Heeyitiitti Bobbaasamu Hoogganuuf Fedhii Agarsiisuu Ishee Dinqsiifatan  


FAAYILII - Miseensota humna waraanaa Keeniyaa
FAAYILII - Miseensota humna waraanaa Keeniyaa

Keeniyaan Humnoota Pooliisii nageenya Haayitii keessaa eegsisu jedhaman 1000 torban dhufu gara Haayiitiitti ergaan jira jette.

Keeniyaan Humnoota Poolisii Kuma tokko biyya Haayitiitti nageenyaa akka eegsisaniif akkasumas humnoota poolisii Hayiitii lenjisuun dhaabbileen fi seeronni bakkatti akka debi’an taasisuuf akka jirtu dubbachaa jirti. Ameerikaanimmoo fedhii Keeniyaan agarsiisaa jirtu kana jajjabeessadha jette. Garuu Akka gabaasa Assooshiyeetid Pireesitti torban darbe Keeniyaa keessatti jeequmsa dhaabuuf tarkaanfii humnaa Poolisiin Keeniyaa fudhate Ameerikaan balaaleffattee ture.

Polisiin Keeniyaa Yeroo Weerara Vaayirasii Koovid 19 Keeniyaa keessatti nagaa rasaasaan ajjeesuu fi Mormii ji’a Adooleessaa kana keessa tureen namoota 30 ol rasaasaan ajjeesuun humna Poolisii mirgoota namoomaa dhiibuu fi ajjeechaa raawwatu jedhamuun komatama. Gareen qorannoo mirga namoomaa humna poolisii akkasii gara biyyoota birootti erguun yaaddeessaadha jedha.

Ji’a kanaaf Pireezidaantii Mana maree nageenyaa dhaabbata Mootummota Gamtoomanii kan taate Yuunaayitid Isteesi Isa Haayitii keessatti nageenya eegsisuuf Poolisiin Keeniyaa garasitti ergamuuf jiru murteessuuf jirti.

Humnoonni Poolisii Keeniyaa gara biyya alaatti ergamuun muuxannoon isaan qaban xiqqaa ta’uu fi Afaan Biyya Haayitii keessatti dubbatamu Fireenchiin beekuu dhabuun isaanii rakkoo biraa fiduu mala jechaa jiru.

Muummeen Ministiraa Haayitii Ari’eel Heenrii ibsa Kibxata darbe kennaniin Lammiileen Keeniyaa Tokkummaa Obbolummaa nutti agarsiisaniif galatoomaa jedhanii Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waaliinis dubbachuu isaanii himaniiru. Keeniyaan Humnoota Poolisii ishee torban dhufu kana keessa gara Haayitiitti erguuf jirti.

Forum

XS
SM
MD
LG