Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Jaappaan Kaleessa Finfinneetti Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa Waliin Mari’atan  


FAAYILII - Ministeerri Haajaa Alaa Jaappaan, Yooshimasaa Hayashii, Walgahii NATO irratti, Braazils, Beeljiyam, Ebla 4, 2023.
FAAYILII - Ministeerri Haajaa Alaa Jaappaan, Yooshimasaa Hayashii, Walgahii NATO irratti, Braazils, Beeljiyam, Ebla 4, 2023.

Ministeerri haajaa alaa Jaappaan Yooshimasaa Hayashii kamisa kaleessaa ennaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaa daawwatanitti, biyyoonni lamaan hojiin midhaan karaa galaana gurraachaa ergamu akka itti fufuuuf waliin hojjechuuf abdii qaban ibsanii jiran.

Ministeerichi akka jedhanitti dhiibbaa Raashiyaan Yukireeniin weeraru yaaddoo wabii nyaataa Afriikaa irratti inni fide isaaniis kan qooddatan ta’uu ennaa dhuunfaa dhaan itti aanaa muummicha ministeera Itiyoophiyaa Demmeqee Mokonnin waliin wal arganitti dubbatanii jiran.

Erga Adoolessa bara 2022 walii galteen dhimma midhaanii kan galaana gurraachaa tolfamee qabee Tokkummaan mootummootaa qamadiin meetrik tooniin 262 gara Itiyoophiyaatti ergamuu isaa hordofuun beeksisee jira.

Hongee jijjjiiramni qilleensaa fidee fi walitti bu’iinsi Itiyoophiyaa keessaa, uummanni miliyoonni 20 ta’u gargaarsa midhaan nyaataa akka eeggatu taasise.

Obbo Demmqeen akka jedhanitti hoogganoonni lamaan dhimmootii siyaasaa, dinagdee, investmentii, daldalaa fi misooma ilaalchisee waliin hojjechuuf cicha qaban haaroomsuu isaanii dubbatnii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG