Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis duraanii Doonaald Tiraamp, ba’ii filannoo prezidaantummaa kan bara 2020 haquuf yaalan jechuun himannaa yakkaa irratti dhiyaatef kaleessa balleessaa hin qabu jechuun haalan.
Doonaald Tiraamp kaleessa mana maree bakka bu’oota uummataa cina kan jiruu fi kan Amajjii 6, bara 2021 ba’ii filannoo bara 2020 garagalchuu yaaluuf jeequmsi itti uumame cina mana murtii jiru seenan.
Tiraamp, ministriin haqaa qorannoo geggeesseen mootummaa jeequuf shiraniiru jedhee jira. Adeemsa mul’inatti geggeessame danquu fi shiruu ka jedhuun gumii tuta murtii uummataaf himannaa irratti dhiyaateef deebii kennaniiru.
Tiraamp kamisa kaleessaa ibsa tuuta oduuf kennaniin filannoo sana ilaalchisee komee qaban dubbachuuf mirga heerri kenneef akka qaban dubbataniiru.
Kun ari'atama mormituu siyaasaa irratti raawwatamuu dha. Kun Ameerikaa keessatti ta'uu hin qabu ture jedhan
Haa tau malee itti aanaa prezidaantii ofii isaanii kan turaniif raga baatuu ijoo yakka ilaalcha dhiyaatuu kan ta’an jecha isaanii kanaan walii hin galan.
Maayik Peens akka jedhanitti kan uummanni Ameerikaa akka inni hubatu barbaadu, ani ba’ii filannoo guyyaa sanaa garagalchuuf mirga tokko iyyuu hin qabu, prezidaant Tiraam akkan isaaniin heeraa ol kaa’u barbaadan, ani garuu heera dursuun filadhe jedhan.
Tiraamp kaadhimamaa filannoo paartii ripaablikaan kan bara 2024 yoo ta’an to’annaa jala kan hin ooliniif baatilee dhufan keessa yakka ilaalchatti dhiyaachuuf jiru.
Forum