Magaaloota Naannoo Amhaaraa Baay’ee Keessatti ganamarraa kaasee sagaleen dhuukasaa dhaga’amaa jiraachuu jiraattonni himan. Mootummaan Federaalaa Itiyoophiyaa sababaa jeequmsa humnoonni Faannoo Naannoo Amhaaraatti uumanii jiraniin magaalotaa fi aanaawwan naannicha keessa jiran hangi tokko to’annaa isaa jalaa ba’uu ibseera jedha gabaasni AP. Biyyi baay’ina Uummataan Afiriikaarraa lammaffaa taate Itiyoophiyaan naannoo Amhaaraa keessatti dhukaasnii fi naannoowwan tokko tokkottimmoo xiyyaarri waraanaa marsaa akka jiru jiraattoonni himaniiru.
Sababaa jeequmsa naannoo Amharaa keessaan manni ministirootaa Federaalaa naannoo Amhaaraa keessatti labsii yeroo muddamaa ji’oota ja’aaf turu torban keessa labseera.
Hoogganaan humna basaasaa Itiyoophiyaa fi ajajaan walii galaa labsii yeroo muddamaa Obbo Tamsgeen Xuruneeh dilbata darbe kana ibsa kennaniin humnoonni seeraan ala hidhannoo meeshaa waraanaa hidhataniiran naannoo Amhaaraa keessatti magaaloota to’achuu, hidhamtoota mana hidhaa keessaa baasuu fi dhaabbile mootummaa to’achuu isaanii mirkaneessaniiru. Humnoonni seera maleessa ta’an kunneen mootummaa naannichhaa erga diiganiin booda gara mootummaa Federaalaatti cee’eef fedhii qabus jedhan Obbo Tamasgeen.
Wiixata har’aa ganamarraa kaasee magaalota kanneen akka Gondar, Laalibalaa, Dabirebirhaan fi maagaalaa guddittii naannichaa Baahirdaar keessatti sagaleen dhukaasaa akka dhaga’amu jiraattoonnii Assoshiyeetid Pireesiitti himaniiru.
Magalaa Dabire Birhaan magaalaa Finfinneerraa kan fageenya KM 135 irratti argamtu keessatti wal wraansi humnoota mootummaa fi humnoota
Faannoo gidduu akkaan hammachuu fi ammaa amma sagalee dhukaasaa ciccimaan dhaga’amuu jiraattoonni himaniiru. Sababaa wal waraansaa fi jeequmsa naannoo Amhaaraa keessaan dhaabbanni geejiba xiyaara Itiyoophiyaa balalliiwwan gara magaalota Dassee , Gondarii fi Lalibaalaatti taasisu dhaabeera.
Minsitirri haajaa alaa Ameerikaa Ateenii Biliinkan Jimaata darbe bilbilaan Ministira Muummee Abiyyi waliin dubbachuu ibsanii haalli nageenyaa hammachaa dhufuun nu yaaddessa jedhaniiru.
Hooggannaan Dhaabbata fayyaa Addunyaa Doktor Tewoodiroos Adihaanuum Ibsa Dilbata kaleessaa kennaniin Jeequmsi Naannoo Amhaaraa keessatti uumaamee jiru gargaarsa namoomaarratti dhiibbaa guddaa fida jedhanii dhaabbilee fayyaa naannicha keessa jiraniif gargaarsi osoo addaan hin citiin taasifamuu akka qabuu fi eegumsilee akka godhamuufii qabu dhaamaniiru.
Forum