Xurree ittiin seenan

Breaking News

Feestivaala Lammiilee Eritiraa Magaalaa Torontootti Geggeessame Irratti Mormii Ka'een Namoonni Sagal Miidhaman Jedhame  


FAAYILII - Namoota alaabaa Ertiraa qabatanii mormii bahan, Israa'el Amajjii 8, 2014.
FAAYILII - Namoota alaabaa Ertiraa qabatanii mormii bahan, Israa'el Amajjii 8, 2014.

Mormii Kaanaadaa magaalaa Torontootti Lammiilee Eritiraa gidduutti ka’een namoota Sagal irra miidhaan ga’ee Feestivaalichi adda akka citu taasifameera. Feeestivaalli lammiilee Eritiriyaa Kanaadaa fi Yuunaayitid Isteetsi Siyaatilitti kabajuuf ture sababaa jeequmsa Knaadaa Toroontootti mudatee namoota Sagal irra miidhaan ga’eef addaan citeera.

Yuunaayitid Isteetsi Kutaa Bulchiinsa Siyaatil keessatti Feestivaalicha kabajuuf eeyyama bakka argatanii bakka dunkaanni qophaa’eerutti gareen biroo dhufanii dunkaanicha humnaan waan diiganiif nageenya namootaaf jecha eeyyamichi haqamuu bulchiinsi magaalaa beeksiseera.

Mormiin lammiilee Eritiriyaa agarsiisa Festivaala kana qopheessanii fi kanneen morman gidduutti ka’e Mootummaan Eritiriyaa gareewwan Feestivaalicha qopheessaniin pirooppoogandaa hojjechiisuun maallaqa walitti qabuufi jechuunidha. Mormii cimaan Kanadaa Torontoo keessa ture kanneen namoonni Sagal irratti miidhamanii tokko hospitaala seeneeru boodarra hoteela keessatti eegumsa poolisiin kabajameera.

Agarsiifni Feestivaala Lammilee Eritiriyaa kanneen biyya alaa jiraatanii kanneen mootummaa Eritiriyaa aangoorra jiru waliin hidhata qabau jedhaman biyyoota kanneen akka jarmanii fi Iswiidiin eessattis mormii ka’een humnoota poolisii irratti fi walii walii isaanii irrratti miidhaan qaqqabeera.

Mormii biyya Jarman keessa tureen humnoota Poolisii 26 irra miidhaan qaqqabeera. Haaluma wal fakkaatuun Kan biyya Iswiidiin magaalaa Istookholm keessaanimmoo humnoota Poolissii 56 irra miidhaan ga’eera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG