Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Roobni Cimaan Roobe Manneen Jireenyaa 450 ol Mancaase  


Namoota naannoo Omdurmaanitti konkolaataa galoodhan qabame dhiiban, Sudaan, Hagaya 5, 2023.
Namoota naannoo Omdurmaanitti konkolaataa galoodhan qabame dhiiban, Sudaan, Hagaya 5, 2023.

Biyya wal waraansaan rakkoo cimaa keessa jirtu Sudaan keessatti rooba cimaa roobeen manneen jireenyaa 450 ol manca’uu isaanii sabaahimalen mootummaa Sudaan gabaasaa jiru. Rooba cimaa naannoo Kaaba Sudaaniitti roobeen Manneen jireenyaa 450 ol mancaasuu isaa sabaahimaaleen mootummaa Wiixata har’aa Sudaan gabaaseera. Dhaabileen gargaarsaa gama isaanii biyya waraana keessa jirtu kanaatti balaan lolaa cimaan dhaqqabuun rakkoo durumanuu uummanni sababa wal waraansaan keessa jiru daran hjameessa jechaa jiru.

Haal qilleensaa Naannoo Kaaba Sudaanitti yerodhaa yerootti jijjiiramaa dhufeen lafa gammoojjii daangaa Masirii fi Liibiyaarratti argamu kanatti rooba yeroo muraasa qofaa argataa ture waggoota Shan darbaniif rooba akka ammaa cimaa ta’eeruu arginee hin beeknu jedhu jiraattoonni.

Biyya Ji’oota Afuurii Oliif wal Waraansa keessa jirtu Sudaan keessatti waqtii Roobaa ji’a Waxabajjiirraa kaasee argattu keessatti sababa rooba cimaan namoonni miiliyoonotaan lakkaa’aman qe’ee isaaniirraa buqqa’uu malu jedhau gareen ogeeyyii fayyaa fi gareen gargaarsaa. Kunis hanqina nayaataa, dhukkuboota baakteeriyaan daddarban fi buqqaatii guddaa fidu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

Akka gabaasa dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Sudaan keessatti weerrarri dhukkuboota Koleeraa fi busaa argamuu kan eere garuu sababoota wal waraansa achi keessa jiruun yaalii dhaqqa bsiisuu hin dandeenye jedhee haala amma Sudaan keessa jiruunis hospitaaloonni Sudaan keessaa harka Saddeetamaa ol tajaajilaan ala ta’inuurs jedheera. Wal waraansa Sudaan keessatti hooggantoota humnoota waraanaa lamaan gidduutti gaafa Eebla 15, bara 2023 ka’een hanga ammaatti namoonni miiliyoona Sadii ol qe’ee isaaniirraa buqqa’anii godaananiiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG