Namoottan Eritiraa irraa buqqa’anii naanno Tigraay mooraa Maay Ayinii fi Addi Haariish keessa qubatanii jiran hanqina midhaan nyaataa fi dhabiinsa tajaajila fayyaatin rakkachaa jiraachuu isaanii insabii jiru.
Baqqatonni ittu eenyumaa isaanii hin ibsin Sagalee Amerikaatti dubbatan akka Jedhanitti Ji’oottan Kudhan darbaniif gargaarsa nyaataa waan hin arganneefi daa’imani fi maangudoonni miidhaama jiru. Namoonni tajaajila fayyaa dhabuudhaan du’aa jiranilee ni jiru jedhaniru.
Dhimma kana irrati dhaabbanni mootummaa Itiyoophiyaa kan waa’ee baqattotaa fi wareen baqaa deebi’ani irratti hojjatuu gaaffii VOA irraa dhihaateef deebii hin kennene.
Dhaabbata mootumoota gamtoomanitti komishini olaanaan dhimma baqattotaa irratti hojjatu UNHCR gaaffii VOAn Emeelidhaan ergeef deebii kenneen dhaabatichii yeroo amma mooraalee baqattotaa lamman kan keessatti hojjachaa akka hin jirre ibseera.
UNHCR erggaa bara 2022 baqattootaa mooraalee lamman kan keessa turaan kuma 15 ta’an garaa mooraa Gondor kaabaa keessatti argamu Daabatitti dabarsee booda mooraalee Maay Ayinii fi Addi Hariish keesaatti tajaajila kenna akka hin jireefi baqattoonni 1,700 ta’an mooraalee sana keessatti hafuu isaanii akka beeku ibsuu isaa Gebremikaa’el Gebremedihiin gabaaseera.
gg/bd/dw
Forum