Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Itiyoophiyaa Magaalaalee Ijoo Naannoo Amaaraa Lama Keessaa Loltoota Faannoo Ari’ee Baasuun Gabaasame. 


FAAYILI - Magala Goondar, naannoo Amaaraa
FAAYILI - Magala Goondar, naannoo Amaaraa

Waraanni Ityoophiyaa erga torbee darbe lolli ka’ee booda bakka lolli cimaan itti geggeeffame naannoo Amaaraa magaalota gurguddoo lama keessaa milishoota naannoo kanneen Faannoo jedhaman ari’uu isaa jiraattonni naannoo har’a beeksisan jechuun Rooyiters gabaasee jira.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Kibxata kaleessaa giddugala magaalaa Amaaraa guddittii lammaffaa Goondar to’annaa jala oolchuu dhaan, Roobii har’aa immoo erga milishoonni gamas dhiisanii ba’anii booda magaalaa Lalibelaatti seenuu jiraattonni kun himanii jiran.

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa gama biraatiin, balaliin gara Gondarii fi magaalaa guddoo Amaaraa Baahir Daar bakka lolli itti geggeeffamaa ture dhaqu Kamisa borii akka eegalu beeksiseera.

Gondar fi Lalibelaan magaalota torbee darbe keessa milishoonni Faanoo raayyaa ittisa biyyaatti itti duulan ture. Waggoota lamaaf naannoo kaaba Tigraay keessatti lolli gaggeeffamaa ture Sadaasa darbe ergaf xumuramee booda, rakkoo nageenyaa hamaatu Itoophiyaa mudate.

Milishaan Amaaraa yeroo muraasaaf, yeroo waraana Tigraay, raayyaa ittisa biyyaa waliin michuu ta'e, amma mootummaan ittisa naannoo Amaaraa laaffisuuf kaayyeffate kan jedhu irratti wal dhaban. Mootummaan himannaa kana ni haale. Dubbi himaan mootummaa fi kan Waraanaa yaada dhiyaateef deebii hin kennin hafan. Jiraattonni Lalibalaa kaleessa Rooyitersiif akka ibsanitti garuu loltoonni kudhanii ol ajjeefamaniiru jedhan.

Associated Press akka gabaasetti, lola cimaa booda waraanni Itoophiyaa harka caalu Lalibelaa kan to’ate yoo ta’u, ammas taankii fi konkolaattonni waraanaa ni argamu. Hidhattoonni Faannoo kutaa magaalaa tokko keessatti kan daangeffaman yoo ta'u, walitti bu'iinsi itti fufee jira. Jiraataan naannoo sanaa Ayyaalew jedhaman, waraanni naannoo buufata xiyyaaraa waan jiruuf Faannoon gara bosonaatti of duuba deebi'e. Magaalattiin meeshaa waraanaa fagoo irraa dhaga’amu irraan kan hafe callisteetti.

Milishaan Faannoo Gondar tokko Rooyitersiif akka ibsetti raayyaan ittisa biyyaa poolisii farra jeequmsaan deggerame fi milishoonni mootummaa loltoota Faannoo kaleessa magaalattii keessaa baasan jedhe. Angawoonni naannoo Gondar keessaa, waraanni guutummaan magaalattii to’achuu beeksisan. Mootummaan muummicha ministeeraa Abiy Ahimed torban darbe naannoo Amaaraa keessatti labsii yeroo muddamaa kan baatii ja’aa labsuun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG