Itiyoophiyaa naannoo Amaaraa bakka walitti bu’iinsi ka’ee labsiin yeroo muddamaa labsame keessatti gargaarsi namoomaa akka itti fufu dhaabi gargaarsa daa’immanii Save the Children Roobii har’aa waamicha dabarsee jira.
Daayirikterri Save the Children Zaaviyer Juubert akka jedhanitti erga walitti bu’iinsi waggoota lamaaf ture walii galteen xumuramee baatiilee sagal booda, naannicha keessatti walitti bu’iinsi hamaan waan mudateef jireenyi maatii fi ijoollee balaa keessa jira jedhan.
Madaan waraan boodanaa amma iyyuu ho’aa dha, kanaaf ammas lubbuun ijoollee balaa keessa jira jedhan. Akka dhaaba gargaarsaatti gareeleen wal fincilan nageenya siivilotaaf dursa kennuu dhaan, namoota naannoo sanaa 580,000 ta’an kanneen walitti bu’iinsa duraaniitiin qe’ee ofii irraa buqqa’an dabalatee uummata gargaraarsi barbaachisuuf gargaarsi namoomaa dhaqqabuu akka itti fufuu waamicha dhiyeessina jedhan. Save the Children waggoota 60 oliif Itiyoophiyaa keessaa hojjtaa ture.
Forum