Somaaliyaa gama kibbaa keessatti Roobii har’aa ganama dhuk’aan daandii irraa dho’e miinibaasii tokko rukutuu dhaan yoo xiqqaate namoonni ja’a yoo du’an kanneen biroon 12 madaa’uu bulchaan naannoo sanaa beeksisaniiru. Mohaammed Irbraahim Barree, bulchaan naannoo Shabellee gara gadii VOA sagantaa Afaan Somaaleef akka himanitti miinibaasiin sun magaalaalee Maarkaa fi Qoryoolee gidduu adeemaa ture. Dubartootaa fi ijoollee dabalatee kanneen miidhaan irra ga’e martinuu siviilota ta’uu Baarreen dubbataniiru.
Haleellaa sanaaf itti gaafatama kan fudhate hin jiru, garuu Baarreen al Shabaabiin himatan.
Al-Shabaab yeroo hedduu mootummaa Somaaliyaa fi humnoota gamtaa Afriikaa irratti haleellaa oofa. Dhohinsi daandii cinaa, meeshaalee waraanaa al-Shabab biyyattii keessatti lubbuu namaa galaafatuuf itti gargaaramu keessaa muraasa.
Somaaliyaatti itti aanaan bakka bu’aan addaa muummicha barreessaa Tokkummaa mootummootaa Kikii Gibeehoo jalqaba bara kanaa gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaaf akka himanitti, al-Shabaab nagaa fi nageenya Somaaliyaa irratti balaa guddaa ta’uu itti fufeera.
Erga bara 2017 as Barri 2022 lammiilee nagaan kan lubbuu itti dhaban yoo ta’u, bara 2021 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu lubbuun namoota nagaa darbuun dhibba irraa harka 60n dabaleera jechuu dhaan ibsa dhimma Somaaliyaa ilaalchisee kennaniin beeksisaniiru.
Forum