Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Dhibdee Mootummaa Keeniyaa fi Mormitoota Gidduu Jiru Furuuf Mariin Jalqabame 


Poolisiin Keeniyaa bishaan facaasudhan oggaa mormotoota bittinneessu, Naayiroobii, Keeniyaa, Bitootessa 27, 2023.
Poolisiin Keeniyaa bishaan facaasudhan oggaa mormotoota bittinneessu, Naayiroobii, Keeniyaa, Bitootessa 27, 2023.

Mootummaan Keeniyaa fi mormitoonni wal dhibdee siyaasaa hamtuu furuu irratti marii fuuleffate Roobii har’aa eegalanii jiru. Mariin sun qaala’insa jireenyaa fi waamicha jijjiirama filannoof taasisame ilaalchisuun mormii geggeessametti aansuun ture.

AFPn akka gabaasetti mariin sun bakka hawata Tuuristii Keeniyaa kan Naayiroobiitti argamu Bomaas-tti geggeessamaa jira. Waggaa har’aa dorgommii cimaan erga geggeessamee booda bakka ba’iin filannoo itti beeksisame.

Mariin sun koree gamtaa miseenosta 10 of keessaa qabuun kan geggeessamu yoo ta’u, yeroo hammamiif akka turu garuu yeroon kaa’amee fi ajandaan dhimmootii irratti falmiin geggeessamuu hin beekamin jiru.

Paartiin hoogganaa garee mormituu Raayilaa Odiinga gamtaan Aziimiyoo La Umoojaa akka jedhetti, erga Odiingaan dorgommii prezidaantummaa yeroo shanaffaaf dorgoman Ruuttoo dhaan injifatamanii fi Ruuttoon injifannoo sana hatan jechuun gamtichi himatee booda qaala’iinsa jireenyaa fi jijjiirama filannoo irratti mari’achuu akka barbaadu beeksise.

Haa ta’u malee ajandaan dursee dhiyaate waa’ee rakkoo dinagdee ykn kan baatii Adoolessaa keessa ka jalqabamee fi kan uummata Keeniyaa gatiin boba’aa fi tajaajilli bu’uuraa akkasumas gatiin nyaataa ol ka’uun mufachiise of keessaa hin qabu jechuun AFPn gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG