Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola Guyyootaaf Geggeessameen Booda Magaalaaleen Amaaraa Loltoota Faannnoorraa Walaba Tahuu Mootummaan Beeksise 


FAAYILII - Miseensota humna waraanaa Itoophiyaa naannoo Maqaleetti, Caamsaa 8, 2021.
FAAYILII - Miseensota humna waraanaa Itoophiyaa naannoo Maqaleetti, Caamsaa 8, 2021.

Walitti bu’iinsi humnoota mootummaa fi loltoota Fannoo gidduutti uumame lammiilee nagaa irratti miidhaa hamaa geessisuun gabaasamee jira. Jiraataan godina Shawaa kaabaa magaalaa Shawaa Roobit tokko VOAf akka himanitti, kaleessa yoo xiqqaate namoota 10 awwaalaniiru.

Magaalaalee ijoon naannoo Amaaraa amma walaba ta’uu mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Mootummaan Ityoophiyaa magaalota Baahir Daar, Gondar, Debre Birhiaan, Debire Maarqos, Shawaa Roobit fi Laalibalaa keessatti dhaabbileen tajaajila uummataa kennan guyyaa har’aa irraa eegalee hojii isaanii akka itti fufan ajajeera. Daayirikterri ol aanaan labsii yeroo muddamaa akka jedhanitti gareelee finxaaleyyii kanneen keellaalee amantii keessa dhokatan adamsaa jiraachuu beeksiseera.

Magalaa Finfinnee keessaa illee shakkamtoota hookkara kanatti hidhata qaban 14 to’annaa jala ooluun ibsameera. Daayirikterichi ol aanaan garuu waa’ee hidhamuu namootaa ibsa hin kennine. Ibsa kaleessa ba’een, Komaandii Poostiin Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Amaaraa akka jedhetti, hookkara guyyoota hedduu booda magaalota gurguddoon tasgabbaa’uu ibsee jira.

Doktoraonni naannoo sanaa maqaan hin tuqamne akka jedhanitti nyaataa fi dawaan itti hanqachuu akkasumas sababaa oksijiinii fi dhiigi hin jirreef dhukkubsattoonni du’aa jiraachuu ibsan.

Yunaayitid Isteetis lolli haaraan biyyattii keessatti ka’e kan isee yaaddesse ta’uu ibsitee jirti, biyyoonni gama dhiyaa hedduun lammiiwwan isaanii gara naannoo Amaaraatti akka hin imalle gorsanii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG