Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Nyaata Addunyaa Gargaarsa Tigiraay Keessatti Kennuun Deebi'ee Eegalamuu Ibsus Bulchiisi Yeroo Naannoo Tigiraay Garuu Dhara Jedha 


FAAYILII - Bakka midhaan qarqaarsaf dhihaate itti rabsamu, Naannoo Tigraay, Caamsaa 9, 2022.
FAAYILII - Bakka midhaan qarqaarsaf dhihaate itti rabsamu, Naannoo Tigraay, Caamsaa 9, 2022.

Sagantaan nyaataa addunyaa WFPn baatilee sadiif erga dhaabatee booda raabsii gargaarsa midhaan nyaataa naannoo Tigraay Kibxata darbe qabee eegaluu beeksise.

WFPn baatii Ebla keessa midhaan nyaataa hatamuun gabaasamutti aansee gargaarsa gara Tigraayitti ergu dhaabe. San booda baatii Waxabajjii keessa immoo guutummaa Itiyoophiyaatti gagaarsa ergu addaa kute, Yunaayitid Isteetis tarkaanfii wal fakkaataa fudhatte.

Itiyoophiyaa keessaa ummanni miliyoonni 20 ol gargaarsi nyaataa kan isa barbaachisu yoo ta’u, irra caalaan sababaa kurna keessatti hongee hamaan gaanfa Afriikaa rukute akkasumas sababaa wal waraansa Tigraayiin kan ka’e.

WFPn akka jedhetti konyaalee Tigraay afur keessa kan jiru uummata 1000,000f midhaan nyaataa ittiin ga’uuf Adoolessa 31 qorannoo haaraa geggeessee jira. Qorannoon kun geggeeffamaa kan jiru WFP fi michoonni isaa naannolee raabsiin itti geggeeffamu torba keessaa kanneen gargaarsi barbaachisu erga adda baasee booda ta’uu jaarmyichi beeksiseera.

Erga mdihaan raabsuun jalqabamee qabee uummanni kumaan laka’aman harree fi gaalaan gamas dhaqqabanii waraqaa galmee fudhachuu dhaan midhaan gargaarsaa argataniiru. Kanneen keessaa haadha ijoollee sadii kan ta’an Zenebech Kaahisaay nyaati raabsamuun isaa boqonnaa naa kenne jedhan.

Gama biraan mootummaan Yeroo kan Tigraay gargaarsi midhaan nyaataa naannichatti deebi’ee eegaluu ilaalchisee kan WFPn jedhe ni morma. Sagantaan nyaata addunyaa Associated press wabeeffachuun akka ibsetti, gargaarsi nyaataa Itiyoophiyaaf kennamu gara baatilee shaniif adda citee ture qalbiin itti fufuun isaa ni yaadatama.

Komishinerri Bulchiinsa Sodaa Balaa naannoo Tigraay Dr.Gebrehiiwet Gebreegziaber VOAf akka himanitti, gargaarsi nyaataa Tigraayiif taasifamu ammallee addaan citee jira.

Ji'a Bitootessaa keessa gargaarsi nyaataa erga adda citee as komishinichi godinaalee naannichaa torba keessaa sadii keessatti du'a beelaan walqabatee 1411 galmeessuu isaa ibsaniiru jechuun Mulugeta Atsbedhaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG