Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-Waraansi Sudaan Keessaa Biyyattii Mancaasee Gara Diigamsaatti Akka Geessuu Malu Tokkummaan Mootummootaa Akeekkachiise 


FAAYILII - Namoota Sudaan keessaa baqatan, Chaad, Hagayya 4, 2023.
FAAYILII - Namoota Sudaan keessaa baqatan, Chaad, Hagayya 4, 2023.

Lolli hamaan Sudaan keessaa namoonni miliyoonaan laka’aman balaa namoomaa hamaaf akka saaxilaman gochuu dhaan Sudaaniin gara diigumsaa fi walitti b’iinsa gosaa hamaatti geessuu mala jechuu dhaan angawoonni Tokkummaa mootummootaa roobii kaleessaa beeksisaniiru.

Dhimmootii siyaasaa fi ijaarsa nageenya Afriikaatti itti aantuu barreessaa durree kan tokkummaa mootummootaa kan ta’an Maartaa Poobee fi daayirikterri hojii namoomaa ka jaarmiyichaa Adem Wosoomuu haala suukaneessaa kana gola naga eegumsaaf ennaa ibsan, walitti bu’iinsi hammaataa adeemuu isaaf dhaabachuufis mallattoon kan hin jirre ta’uu ibsan. Mootummaan baatii Waxabajjii keessa ibsa kenneen uumanni 3000 ol dhumataniiru, ergasii qabee garuu lakkoobsi namoota du’anii ifa hin ta’in jira.

Wossoomuun akka jedhanitti, biyyattiin balaa namoomaa suukaneessaa keessa seenuu kan jalqabde, uummanni miliyonni 4 ol qe’ee ofii dhiisanii ennaa baqatanii fi uummata miliyoona 20 ol walakkaa kan ta’u immoo rakkoo wabii nyaataa hamaan kan isa mudatee fi beelaaf saaxilamaa jira.

Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis kan ta’an Liindaa Toomaas Griinfiild, golli naga eegumsaa dhiiga dhangalaasuun kun akka dhaabatuu fi Sudaan daandii dimokraasiitti akka deebitu sagalee tokkoon dubbachuu qaba jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG