Mootumoonni biyyaa Awustiraaliyaa,Jaappan , NiwuuZilaand, Yuunayitid Kiingidam fi Yunaayitid Isteets waliti bu’insii naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessati adeemaa jiru du’iinsaa fi tasgabii dhabiinsa siviilotaa huumuu danda’a jechuudhaan yaaddoo qaban ibsanii jiru.
Ibsii waloo biyyoottan kana irraa Jimaata har’aa bahe kun, gareewwan walti bu’insicha keessatti hirmaachaa jiran akka siviilotaaf eegumasa taasisan, akka mirga namoomaa kabajanuufi waldhabdee isaanii akka walti dhufanii karaa nagaatiin hiikan gaafate jira.
Haaluma walfakkaatuun waajjirri gamtaa Awuroopaa Itiyoophiyaatti argamu, embaasota biyya Faransaay, Jarmaniif Xaaliyaanii, embaasotaa biyyoottan Awuroopaa 19 dabalatee haalii nageenyaa naannoo Amaaraa keessatti mulachaa jiru akka isaan yaaddese himuudhaan ibsaa waloo baasanii jiru.
Karaa biraatiin, dhaabata mootumoota gamtoomanitti jaarmiyaan qindeessa gargaarsaa namoomaa ykn OCHAn walti bu’insii nannoo Amaaraa keessatti taasifamaa jiru akka gargaarisii namoomaa bakkaa namoottan kumaataman lakkawaman, walwaraansa Sudaan jalaa baqatan qubatanii jiraanu magaala Matammaa hin geenyee taasisuu isaa ibsee jira.
Dhaabatichi ibsa jimaata har’aa baaseen balaliin xiyyaaraa dhaabachuuni fi karaan cufaamuun isaa akka gargaarsi baqattootaaf hin geenyee taasissuu isaatiin allatti, tajaajilli interneetaa waan hin jereef Hagayya 3 bara 2023 jalqabee haala baqattoota kanaa hordofuun rakkisaa akka ta’e beeksisee jira.
Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa gama isaatiin ibsa kennaan, koree fannoo diimaa aduunyaa waliin ta’uudhaan namoottan mada’anii fi dhukubsatan gargaaruudhaaf kan oolu meeshaalee waldhaansa fayyaa fi dawaalee adda addaa hosbitaalaa addaa magaala Dabrebirhaan jiruuf hospitaalaa Yuuniversitii Gondoriif laachuu isaa ibsee jira.
Karaa biraatiin, magaala gudichaa naannoo Amaaraa Baahirdaar keessatti dhaabileen daladalaa gam-tokkeen ammayyuu cufamanii akka jiran jiraattonni Sagalee Amerikaatii himanii jiru.
Jiraattonni magaala Baahirdaar yaada sagalee Amerikaatiif kennan kanaan Roobii dheengaddaati jalqabee haalli nageenya magaalichaa waan fooyya’insa agarsiiseef, konkolattonni socho’uu kan jalqaban yemmuu ta’u, buufanni xiyyaarrasi tajaajila kennuu egalee jira.
Mootumaan Itiyoopiyaa gamma isaatiin, wareen tajaajila hawaasaa kennaninfi magaalota Baahirdaar, Gondor, Debrebirihaan, Debremaarqoos, Shawaa Robiiti, Laalibalaa fi magaalota biro keessaati argaman guyyaa kaleessaati kaasee akka hojii jalqaban gaafachuu isaa Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum