Mootummaan Isiraa’eel namootan hidhata lamummaa biyyaatii qaban 200 ol ta’an bakka tibbana kana waliti bu’insii itti hammaatee jiru naannoo Amaaraa keessaa baasuu isaa beeksisee jira.
Ibsaa waajira muumicha ministiraa Israa’eel kan Beenjaamiin Natinaahuu irraa bahe waabeffachuudhaan maddi oduu Ajaans Fraans Prees akka gabaassetti, namootta 204 caalaan isaanii lammilee Israa’el ta’anii fi warren lammumaa biyyatti argachuudhaaf miga qaban naannoo Amaaraa keessaa bahuu danda’aniiru.
Mummichii ministiraa mootummaa Isiraa’el Beenjaamiin Natinaahuu ibsa kophaatti suur-sagaleedhaan kennaniin, namoottan kun magaalootaa Gondoorii fi Baahirdaar irraa gara Finfinneetti dabarfamanii, dhiheenyaa keessatti garaa Isiraa’elitti imaluudhaaf akka jiran ibsuun isaanii gabaasameeraa.
Mootummaan Isiraa’eel bara 2021 namoottan Kuma Sadii ta’an Itiyoophiyaa keessaa baasuu akka danda’u fedhii agarsiisu isaa fi wareen kana keessaa caalaan isaanii magaala Gondor keessaatti akka argaman gabaasinii kun ereera.
Lammiileen hawaasaa Juush Itiyoophiyaa keessa jiraatan ammmi tokkoo bara 1980 fi jalqaba bara 1990 gara Isiraa’eellitii geefamanii jiru. Bara 1991 immoo Sochii “Operation Solomon” jedhamuun Sa’aati 36 keessatti namoonni kuma 15 ta’an xiyyaaraan gara Israa’elitti geessamuu isaanii oduun kun yaadachiisee jira.
Forum