Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Itti Prezidaantiin Niijeer Dhiheenya Taayitaarraa Fonqolchaman Qabamanii Jiran Kan Isaan Yaaddesse Tahuu Antooniyoo Guteres Ibsan


Pireeziidaantiin Niijeer kan Fonqolchaan aangoorraa kaafaman Mohaammad Baazuum fi maatiin isaanii hanga ammaa miseensota eegdoota masaraa isaaniin qabamanii to’annaa jala jiraachuun hedduu na yaaddeessa jedhan barreessaa ol aanaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guutereez.

Ibsa barreessaa ol aanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii bakka bu’amee dubbifameen Mohaammad Baazuum haal -duree tokko malee hattatamaan to’annaa oolfaman jalaa akka gadhiifamanii fi aangoo pireeziidaantummaa isaaniitti akka deebifamanis gaafataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti aanaa dubbii himaa kan ta’an Farhaan haaq , Mohaammad Baazuum fi maatiin isaanii mana hidhaa keessa bishaan , Ibsaa elektiriikaa, nyaataa fi dawaa malee jiraachaa akka jiran dhaabbanni mootummoota gamtoomanii odeeffannoo argateen qulqulleeffateeras jedhan.

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi gama isaatiin yeroo haalli hammachaa dhufetti nageenyi maohaammad Baazuum kan to’annaa jala jiranii hedduu na yaaddeessa jedheera. Gareen humnoota waraanaa juuntaa kanneen fonqolcha Pireezidaantii Nijeer irratti gaggeessaniiran dippiloomaatii ol aanaa Yuunaayitid Isteetsi tokkotti akka himanitti biyyoonni ollaa Nijeer bulchiinsa Mohaammad Baazum deebisuuf humna waraanaa kan fayyadaman yoo ta’e Moaammad Baazum kan to’annaa isaanii jala jiru akka ajjeesan dubbataniiru jechuun angaawoonni biyyoota lixaa lama Assooshiyeetid Pireesitti himaniiru.

Pireezidaantiin Nijeer Mohaammad Baazuum hoggantoota biyyoota Afiriikaa Lixaa keessaa kan karaa dimokiraatawwaan filatamaniiran gaafa Adoolessa 26 fonqolcha mootummaa isaaniirratti eegdoota isaaniin taasifameen haadha warraa isaanii fi ilma isaanii waliin masaraa motuummaa Niijeer Isa Ni’aameey jedhamu kessatti to’annaa jala jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG