Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Waraanaa Gameessi Kan Sudan Gareen RSF Yakka Waraanaa Raawwate Jechuun Himatan


Hoogganaan Waraanaa Sudaan haasaa televiziyoonaan dabarsaniin humni waraanaa warra humna addaa jedhamu waraana baneen biyyoota Kaaba baha Afiriikaa gara waraanaatti galchuuf deema jechuun komatan.

Hoogganaan Humna Waraanaa Sudaan Jeneeraal Abdeel Fettaah Burhaan ayyaana humna waraanaa sudaan waggaa waggaan kabajamu sabababeeffachuun Teleeviyoona Sudan irratti dhiyaachuun haasaa taasisaniin, Humnoonni RSF fi Mohaammad Hamdaan Dagaloo jeequmsa kaasanii dimookiraasii bakkatti deebisuuf jedhu., Yakkoota waraanaa raawwachaa akkamiin dimokiraasii fiduu? Jechuun bifa gaaffiin dubbatan.

Wal waraansa Humnoota waraanaa lamaan gidduutti Eeebla 15 bara 2023 Magaalaa guddittii Sudaan Kahaartuum keessatti ka’ee ergasii magaalota hundaattii babal’ateen gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyuumaan Raayiitis Wooch gabaasa fuula 56 qabu baaseen gareen humna waraanaa RSF kan Mohaammad Hamdaan Dagaloon hoogganamanfi milishoonni Arab jedhamuun waamaman yakkoota waraanaa ta’e jedhanii namoota nagaa ajjeesuu, fi humnaan gudeeddii raawwachuu isaanii ifoomseera.

Wal waraansi Sudaan keessaa kun Naannoo Daarfuur kan bara 2000 moota keessa garee milishoota Arabaan duguuggaan Sanyii raawwatamuu dhaabbata mootummoota gamtoomaniin beekamtiin kennameefii ture keessatti akkaan hammaachuu jiraattoonnii dubbataa turan. Dhuma torbaan darbeettis wal waraansa kibba Daarfuur keessa tureen namoonni nagaa Kurnootaan lakkaa’aman du’aniiru. Gareen Daarfuur Bar, kan dhimma seeraa mirgoota namoomaa Sudaan irratti hojjetu ifoomsetti waraana gaafa jimaata darbe magaalaa guddittii naannoo kibba Darfuur taate Niyaalaa keessatti ka’een yoo xiqqaate namoonni nagaa shan du’uu isaanii ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG