Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Baraarsaa Ka Mootummaa Hin Ta’in Andaara Galaana Maaltaa Koolu Galtoota 76 Baraaree


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Gareen baraarsisoota Mit- mootummaa galaana Meeditiriyaaniyaa irraa godaantoota 76 kan rakkoo keessa galanii turan jimaata darbe kana baraarsuu isaanii ibsan.

Jimaata darbe kana dooniin dhaabbata Miti-mootummaa tokko godaantoota seeraan alaa 76 ta’an kan doonii tokkotti fe’amaniiran gaalaana Meeditiraaniyaaniirraatti rakkoo keessa seenanii turan baraaruu isaanii ifoome. Hojjettooni garee baraarsa lubbuu kun yommuu doonii kana baraaranitti namoota 76 dooniicharra turan keessaa 24 daa’immanis jedhameera. Godaantoonni seeraan alaa kanneen doonii kanarra turan guyyaa tokko dura Liibiyaarraa bidiruu mukarraa hojjetameeru kan meetira 12 dheeraturratti fe’amaniiti imalaa turan yommuu rakkoo keessa seenan. Imaltoota kanneen keessaa 12 ijoollee umriin isaanii hin geenye Masirii, Eriitiriyaa , itiyoophiyaarraa fi Sooriyaa irraa maatiin isaanii kan bira hin jirredhas jedhameera.

Godaantoonni baraarsaman kunneen wiixata kana ganama Naappiliitti imala osoo taasisaa jiranii doonii warra baraarsisootaa kanarratti gaargaarsi yaalaa fi daawwaan garaa garaa kennameeraaf

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG